LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/07 ful. 3-4
  • Barruulee Dhugaadhaaf Dhugaa Ba’an Raabsaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barruulee Dhugaadhaaf Dhugaa Ba’an Raabsaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barruulee Raabsuuf Qophii Gochuu
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Akkaataawwan Dhiheenyaa Fakkeenyaaf Kaa’amaniin Akkamitti Gargaaramna?
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Tajaajilarratti Barruulee Raabsaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Ittiin Lixa Barruu Mataa Kee Qopheeffadhu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
Tajaajila Mootummaa—2007
km 12/07 ful. 3-4

Barruulee Dhugaadhaaf Dhugaa Ba’an Raabsaa

1 Barruun Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu jedhuufi barruun Dammaqaa!, hojii Mootummicha labsuufi bartoota gochuurratti ga’ee guddaa qabaachuunsaanii itti fufa. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Bifa garagaraatiin hojii Mootummichaarratti yommuu hirmaannu, barruulee yeroosaatti qophaa’an kana yeroo hundaa raabsuun keenya nu gammachiisa.

2 Waggoota hedduudhaaf, hamma, qabiyyeefi akkaataa barruulee kana itti raabsinurratti jijjiiramni godhamuusaa argineerra. Jijjiiramni kun kan godhame barruulee kana caalaatti bu’a qabeessaafi kan namatti tolan gochuufidha. Kunimmoo, ergaan Mootummichaa garaa namoota hundaa akka tuquufi “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u” godha.—1 Xim. 2:4.

3 Amajjii 2006 kaasee, Dammaqaa! ji’atti al tokko maxxanfamu raabsuuf ji’a ji’aan akkaataa dhiheenyaa garagaraatti fayyadamaa jirra. Ammammoo, haaluma kanaa wajjin walfakkaatuun barruu Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu jedhuufi ji’a ji’aan maxxanfamu lama keessaa isa tokko tajaajilarratti raabsuuf akkaataa dhiheenya garagaraatti fayyadamna. Akkaataawwan dhiheenyaa barruulee addaddaa lamaan raabsuuf gargaaran Tajaajila Mootummaa fuula dhumaarratti ba’u. Akkaataawwan dhiheenyaa kun yeroo baay’ee matadureewwan fuulawwan duraarratti kan hundaa’anidha; haata’u malee, yeroo tokko tokko matadureewwan xiyyeeffannaa namoota baay’ee harkisanii ni ba’u. Akkaataawwan dhiheenyaa kun caalaatti bu’a qabeessa ta’uu kan danda’an, yaada barreeffama raabsinu kanaa akka gaariitti yoo hubanneefi jechaa ofii keenyaatiin akka naannoo keenyaaf mijaa’utti yoo itti gargaaramnedha.

4 Akkaataawwan dhiheenyaa barruulee lamaan raabsuuf gargaaran Tajaajila Mootummaarratti kan ba’an yoo ta’eyyuu, akkaataa dhiheenyaa guutummaatti kanarraa adda ta’etti fayyadamuu ni dandeessu. Sababiin kana itti gootan inni tokko, matadureewwan tokko tokko caalaatti xiyyeeffannaa namoota naannoo keessanii kan harkisan ta’uu waan danda’aniifidha. Yookiinimmoo mataduree caalaatti xiyyeeffannaa namootaa harkisuuf isin gargaarutti fayyadamtanii akkaataa dhiheenyaa bu’a qabeessadha jettan qopheessuu akka dandeessan waan isinitti dhaga’amuuf ta’uu danda’a.

5 Akkaataa Dhiheenyaa Akkamitti Qophaa’uu Dandeessu: Hunda dura, mataduree raabsuuf filattan guutummaatti beekuu qabdu. Yeroo hundaa, utuu tajaajila dirreerratti itti hin fayyadamiiniin dura matadureewwan barruulee kana keessa jiran hundaa akka gaariitti beekuu hin dandeessan ta’a. Haata’u malee, mataduree raabsuuf filattan miira ho’aafi akka itti amantan haala argisiisuun raabsuu qabdu. Kana gochuu kan dandeessan garuu, odeeffannoo barruulee raabsitan keessa jiru akka gaariitti kan beektan yoo ta’e qofadha.

6 Achiis wanta jalqabarratti dubbattan akka haalasaaf mijaa’utti qopheessaa. Maree jalqabuudhaaf gaaffii mataduree sanaa wajjin walitti dhufeenya qabuufi fedhii namootaa kakaasutti fayyadamuun ni danda’ama. Yeroo hundaa garaa namootaa tuquudhaaf humna Dubbiin Waaqayyoo qabutti amanamaa. (Ibr. 4:12) Caqasa dhimma kaastanii wajjin walsimuufi caalaatti mataduree raabsitan keessatti caqasame filadhaa. Caqasa filattan mataduree raabsitanii wajjin akkamitti akka wal simsiiftan yaadaa.

7 Carraa Argattan Hundaan: Akkaataan dhiheenyaa dhugumaan bu’a qabeessa akka ta’u yoo barbaadame itti hojjetamuu qaba. Guyyaa Sanbadduraa barruulee raabsuurratti gumii wajjin hirmaadhaa. Namoota kanaan dura barreeffamoota gara biraa fudhataniif barruulee kana kennaa. Bartoota Macaafa Qulqulluufi namoota gara biraa yommuu deddeebii gaaffii gootan argamaniif yeroo hunda barruulee kana kennaa. Namoota bakka daldalaatti, yeroo karaa deemtanitti ykn yeroo mana yaalaatti dabaree eeggattanitti haasofsiistaniif barruulee kennuu dandeessu. Ji’a guutuu akkaataa dhiheenyaa itti fayyadamtan fooyyessaa adeemaa.

8 Barruuleen Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! addadha. Yihowaan Uumama Cufaarratti olaantummaa akka qabu ibsu. (HoE. 4:24) Misiraachoo Mootummaa Waaqayyootiin namoota jajjabeessu; akkasumas Yesus Kiristositti akka amanan godhu. (Mat. 24:14; HoE. 10:43) Kana malees, wantoonni biyya lafaarratti raawwatamaa jiran raawwii raajii Macaafa Qulqulluu akka ta’an beeksisu. (Mat. 25:13) Carraa argattan hundaatti barruulee kana raabsuudhaan, namoonni naannoo tajaajilaa keessan jiran barruulee kanarraa faayidaa akka argatan gargaaraa!

9 Barruulee yommuu raabsitan ykn nama tokkoo wajjin waa’ee hafuuraarratti yommuu mari’attan, gaaffii xiyyeeffannaa namaa harkisuufi yeroo garabiraa maree dabalata gochuuf isin gargaaru kaasuudhaan deddeebii gaaffiitiif haala mijeessaa. Sanyiiwwan dhugaa facaasuutti hinaaffaa kan argisiisnu yoo ta’e, Yihowaan yaada namoota dhugumaan Isa beekuufi tajaajiluu barbaadanii akka kakaasu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—1 Qor. 3:6.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Faayidaan Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! maalidha?

2. Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! irratti jijjiirama akkamiitu godhame? Maaliif?

3. Barruuleen kun tajaajilarratti nu fayyaduu kan danda’an akkamitti?

4. Akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarratti dhihaatanii alatti fayyadamuun barbaachisaa kan ta’u maaliifi?

5. Barruulee raabsitaniif akkaataa dhiheenyaa qopheessuu keessan dura maal gochuu qabdu?

6. Akkaataa dhiheenya ofii keenyaa akkamitti qopheessuu dandeenya?

7. Akkaataa dhiheenyaa keenya caalaatti fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti?

8. Masaraan Eegumsaafi Dammaqaan! adda kan ta’an karaawwan kamiini?

9. Deddeebii gaaffiitiif haala mijeessuu kan dandeenyu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi