Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2009
QAJEELFAMA
Kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2009 haala armaan gadiitti dhihaatu.
MADDA BARUMSICHAA: Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo [bara 1997], “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu” Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha [bsi-08-OA], Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? [bh], Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessuu (Maxxansa 1989) [rs].
Manni barumsichaa, SA’AATIISAATTI nagaa gaafachuudhaan jalqabamee akka armaan gadiitti dhihaata. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, tokkoon tokkoon kutichaa booda kutaa ittaanee dhihaatu beeksisa.
YAADA IJOO DUBBISA M.Q.: Daq. 10. Jaarsi ykn tajaajilaan gumii ga’umsa qabu, kutaa Macaafa Qulqulluu torban sanatti akka dubbisnuuf ramadame akka gumichaaf barbaachisutti daqiiqaa afuriif dhiheessa. Dubbisni Macaafa Qulqulluu torban sanatti akka dubbisnuuf kenname boqonnaa jalqabaa kutaa Macaafa Qulqulluu haaraa taanaan garuu kutichi haala kanarraa adda ta’een dhihaata. Yeroo kanatti, kutaan kun daqiiqaa afuriif mataduree “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha” jedhuun Amajjii 1, 2004 kaasee barumsawwan Masaraa Eegumsaarratti Amaariffaan ba’aa turanirraa dhihaata. Fakkeenyaaf, Uumama boqonnaa tokkoo hanga shanii torban Amajjii 5 jalqaburratti kan fudhatamu si’a ta’u, obboleessi kutaa kana dhiheessu birooshura “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu” jedhamurraa qabxiiwwan seensaa muraasa filachuu qaba. Karaa gumicha fayyaduun dhiheessuu qaba. Dubbisi Macaafa Qulqulluus ta’e yaadawwan birooshura kanarraa fudhataman kaayyoo guddaa isaan qaban, dhaggeeffattoonni barumsichi akkamittiifi maaliif akka isaan fayyadu akka hubatan gargaaruudha. Obboleessi kuticha dhiheessu daqiiqaa arfan ramadameef dabarsuu hin qabu. Daqiiqaan ja’an hafan dhaggeeffattoonni dubbisa Macaafa Qulqulluu torban sanaaf ramadamerraa waan isaan tuqe sekoondii 30 ykn isaa gadiif yaada gabaabaa akka kennan kan ramadamanidha. Achiis, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa barattoonni galma lammaffaatti kutaa dhiheessan deemuu akka danda’an ibsa.
KUTAA LAK. 1: Daqiiqaa 4 ykn isaa gaditti kan dhihaatu. Dubbisi kun obboleessa tokkoof kennama. Barataan kun yaada seensaa ykn xumuraa utuu hin kennin dubbisa isaaf ramadame dhiheessuu qaba. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa barattoonni dubbisuu, sirriitti dubbachuu, bakka barbaachisaa ta’uutti jabeessuu, sagaleesaanii jijjiiruu, bakka barbaachisaa ta’etti dhaabachuufi akkaataa haasaa uumamaasaaniitiin akka gaariitti akka dubbisan gargaaruurratti xiyyeeffata.
KUTAA LAK. 2: Daq. 5. Kutaan kun obboleettii tokkoof kennama. Barattuun kutaan kun kennamuuf, yoomessoota kitaaba Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami jedhamu ful. 82rratti ibsaman keessaa tokko kennamuufii ykn ofumasheetii akka filattu godhama. Mataduree kennameef haala naannoo tajaajilaa gumichaa wajjin walsimuufi hojiirra ooluu danda’uun dhiheessuu qabdi. Mataduree qofti yommuu kennamutti, barreeffamoota keenyarraa qorannaa gootee yaadawwan kutichaaf ta’an qopheessuu qabdi. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barattuun kun mataduree kennameef akkamitti akka gabbifatu, namni haasofsiistu hiika caqasawwaniifi yaada ijoo kutichaa akka hubatuuf haala isheen itti gargaarturratti xiyyeeffata. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa gargaartuu tokko ramadaaf.
KUTAA LAK. 3: Daq. 5. Kutaan kun obboleessa ykn obboleettii tokkoof kennamuu danda’a. Baratichi mataduree kennameef gabbifachuu qaba. Yeroo matadureensaa qofti kennamutti, baratichi barreeffamoota keenyarraa qo’annaa godhee qabxiiwwan kutaa sana gabbisan sassaabbachuu qaba. Kutaan kun obboleessa tokkoof yeroo kennamu, dhaggeeffattoota Galma Mootummaa keessa jiran yaadatti qabachuudhaan haasawaadhaan dhiheessa. Yoo obboleettii tokkoof kenname garuu, akkuma qajeelfama Kutaa Lak. 2f kennametti dhihaachuu qaba. Kutaawwan mallattoo urjii qaban haasawaan dhihaachuu waan qabaniif, obboloota dhiiraaf qofa kennamuu qabu; danda’amnaan jaarsi ykn tajaajilaan gumii tokko utuu dhiheessee filatamaadha.
GORSA: Daq. 1-2. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa mala haasawaa baratichi irratti hojjetu dursee dubbachuu hin qabu. Kutaa Lak. 1, Lak. 2fi Lak. 3 booda, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa kutaa dhihaate keessaa wantoota gaarii ta’an adda baasee caqasuudhaan baraticha galateeffata; kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaarraa sababii kutichi gaarii itti ta’e adda baasee yeroo hedduu caqasuu qaba. Akka baratichaaf barbaachisutti, gorsi dabalataa nama jajjabeessu walga’ii booda ykn yeroo garabiraa dhuunfaatti kennamuufii danda’a.
YEROO EEGUU: Kan kutaa dhiheessus ta’e gorsa kan kennu sa’aatii ramadameef dabarsuu hin qabu. Obboloonni Kutaawwan Lak. 1, Lak. 2fi Lak. 3 dhiheessan, yoo sa’aatii dabarsan malaan akka dhaaban taasifamuu qaba. Obboloonni yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu dhiheessan sa’aatii yoo dabarsan dhuunfaatti gorsi kennamuufii qaba. Hundisaanii sa’aatiisaanii sirriitti eeguu qabu. Guutummaan sagantichaa daqiiqaa 30tti xumurama.
FOORMII GORSI IRRATTI KENNAMU: Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa keessatti argama.
GARGAARAA GORSA KENNAA: Qaamni jaarsolii, ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin alatti jaarsa dandeettii qabuufi gargaaraa gorsa kennaa ta’u tokko filachuu danda’a. Jaarsolii baay’een gumii keessa jiraannaan, jaarsoliin ga’umsa qaban garagaraa, waggaa waggaan wal jijjiiranii hojii kana hojjechuu danda’u. Itti gaafatamummaan obboleessa kanaa, yeroo barbaachisaa ta’etti obboleessa yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu dhiheessuuf dhuunfaatti gorsa kennuudha. Kana jechuun garuu, jaarsoliifi tajaajiltoonni yeruma haasawaa dhiheessan hundaatti gorsa kenna jechuu miti.
IRRA DEEBII MANA BARUMSAA TAJAAJILA TI’OOKRAASII: Daq. 20. Ji’a lama lamatti, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa irra deebicha geggeessa. Irra deebichi, yaanni ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu erga dhihaatee booda godhama. Irra deebiin kun, torban irra deebichi itti dhihaatu dabalatee, barumsawwan ji’oota lamaan darban dhihaatanirratti kan hundaa’edha. Gumiiwwan torban Irra Deebiin Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii godhamutti walga’ii aanaa qaban, irra deebichi torban ittaanutti kan dhihaatu si’a ta’u, kutaan barattootaa torban ittaanutti dhihaatan (Lak.1, Lak. 2fi Lak. 3) torban kanatti dhihaatu. Daawwataan olaanaa aanaa gumii keessan kan daawwatu yoo ta’es, sagantaa torbanii dubbisa Macaafa Qulqulluurratti ykn yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluurratti jijjiirama gochuun hin barbaachisu.
Sagantaa
Ama. 5 Dubbisa M.Q.: Uma. 1-5
Lak. 1: Uma. 3:1-15
Lak. 2: Waaqayyo, Waaqa Namaa Hin Yaanneefi Gara-Jabeessadhaa? (bh boq. 1 key. 1-10)
Lak. 3: Waa’ee Hin Baasu Kan Hin Jedhamne Maalidha? (1 Qor. 15:58)
Ama. 12 Dubbisa M.Q.: Uma. 6-10
Lak. 1: Uma. 9:1-17
Lak. 2: Mormiiwwan Waaqayyotti Amanuu Ilaalchisee Ka’uuf Deebii Kennuu (rs ful. 151 key. 1–152 key. 1)
Lak. 3: Jal’ina Nurratti Raawwatamuuf Waaqayyootti Maaltu Dhaga’ama? (bh boq. 1 key. 11-17)
Ama. 19 Dubbisa M.Q.: Uma. 11-16
Lak. 1: Uma. 14:1-16
Lak. 2: Gara Yihowaatti Dhihaachuu Ni Dandeessaa? (bh boq. 1 key. 18-24)
Lak. 3: Yihowaan Kan Nu Tolchu Akkamitti? (Isa. 64:8)
Ama. 26 Dubbisa M.Q.: Uma. 17-20
Lak. 1: Uma. 17:1-17
Lak. 2: Namoonni Bulchiinsa Gaarii Hundeessuu Kan Dadhaban Maaliifi? (rs ful. 153 key. 1-6)
Lak. 3: Macaafni Qulqulluun Kitaabota Kaanirraa Kan Adda Ta’e Karaawwan Kamiini? (bh boq. 2 key. 1-9)
Gur. 2 Dubbisa M.Q.: Uma. 21-24
Lak. 1: Uma. 22:1-18
Lak. 2: Macaafni Qulqulluun, Kitaaba Barumsa Gaariifi Raajii Qabatedha (bh boq. 2 key. 10-20)
Lak. 3: Karaawwan Jaalala Namootaaf Qabnu Itti Bal’isuu Dandeenyu (2 Qor. 6:11-13)
Gur. 9 Dubbisa M.Q.: Uma. 25-28
Lak. 1: Uma. 25:1-18
Lak. 2: Hammeenyi Eessaa Dhufe? (bh boq. 3 key. 1-10)
Lak. 3: Carraaqqiin Namootaa Furmaata Argamsiisuu Kan Hin Dandeenye Maaliifi? (rs ful. 154 key. 1-6)
Gur. 16 Dubbisa M.Q.: Uma. 29-31
Lak. 1: Uma. 29:1-20
Lak. 2: ‘Yaadda’uu’ Kan Hin Qabne Maaliifi (Mat. 6:25)
Lak. 3: Addunyaa Haaraan Dhihaateera! (bh boq. 3 key. 15-24)
Gur. 23 Dubbisa M.Q.: Uma. 32-35
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Bit. 2 Dubbisa M.Q.: Uma. 36-39
Lak. 1: Uma. 39:1-16
Lak. 2: Masiihiicha Isa Abdachiifame Beekuu (bh boq. 4 key. 1-9)
Lak. 3: Rakkoo Ilmaan Namootaatiif Furmaata Kan Argamsiisu Mootummaa Waaqayyoo Qofadha (rs ful. 155 key. 1–156 key. 1)
Bit. 9 Dubbisa M.Q.: Uma. 40-42
Lak. 1: Uma. 40:1-15
Lak. 2: Yesus Nama Akkamii Ture? (bh boq. 4 key. 10-19)
Lak. 3: Yaada Ofiin Geggeeffamuurraa Of Eegaa!
Bit. 16 Dubbisa M.Q.: Uma. 43-46
Lak. 1: Uma. 44:1-17
Lak. 2: Yesus Hamma Dhumaatti Amanamaa Ta’eera (bh boq. 4 key. 20-22)
Lak. 3: Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu Sirriifi Amanamaa ta’uunsaanii Mirkaneeffameera (rs ful. 156 key. 2-5)
Bit. 23 Dubbisa M.Q.: Uma. 47-50
Lak. 1: Uma. 48:1-16
Lak. 2: Diiyaabilosiin Sodaachuu Qabnaa?
Lak. 3: Furiin Maalidha? (bh boq. 5 key. 1-8)
Bit. 30 Dubbisa M.Q.: Bau. 1-6
Lak. 1: Bau. 1:1-19
Lak. 2: Furiin Faayidaa Maalii Siif argamsiisa? (bh boq. 5 key. 9-17)
Lak. 3: Fayyisuun Bara Keenyatti Raawwatamu Hafuura Waaqayyootiin Hojjetamaa? (rs ful. 157-158 key. 2)
Ebl. 6 Dubbisa M.Q.: Bau. 7-10
Lak. 1: Bau. 9:1-19
Lak. 2: Dinqisiifannaa Furichaaf Qabdu Argisiisuu Kan Dandeessu Akkamitti? (bh boq. 5 key. 18-22)
Lak. 3: Galaatiyaa 6:2, Galaatiyaa 6:5 wajjin walsimsiisuu kan Dandeenyu Akkamitti?
Ebl. 13 Dubbisa M.Q.: Bau. 11-14
Lak. 1: Bau. 12:21-36
Lak. 2: Yeroo Duunu Maal Taana? (bh boq. 6 key. 1-8)
Lak. 3: Garaagarummaa Karaa Dinqii Ta’een Fayyisuu, Yesus, Ergamootaafi Namoota Yeroo Har’aa Jiran Raawwatan Gidduu Jiru (rs ful. 158 key. 3-6)
Ebl. 20 Dubbisa M.Q.: Bau. 15-18
Lak. 1: Bau. 15:1-19
Lak. 2: Waaqeffannaa Sobaarraa Fagaachuun Maalfaa Dabalata?
Lak. 3: Namoonni Kan Du’an Maaliifi? (bh boq. 6 key. 9-14)
Ebl. 27 Dubbisa M.Q.: Bau. 19-22
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Cam. 4 Dubbisa M.Q.: Bau. 23-26
Lak. 1: Bau. 24:1-18
Lak. 2: Waa’ee Du’aa Beekumsa Sirrii Argachuun Barbaachisaadha (bh boq. 6 key. 15-20)
Lak. 3: Yeroo Har’aatti Kiristiyaanonni Dhugaa Akkamitti Beekamu? (rs ful. 159 key. 1-5)
Cam. 11 Dubbisa M.Q.: Bau. 27-29
Lak. 1: Bau. 29:1-18
Lak. 2: Duuni Diina Kan Ta’e Maaliifi? (bh boq. 7 key. 1-6)
Lak. 3: Iddoo Malee Amanamummaa Argisiisuufi Balaa Inni Qabu
Cam. 18 Dubbisa M.Q.: Bau. 30-33
Lak. 1: Bau. 31:1-18
Lak. 2: Kennaan Dinqiidhaan Fayyisuu Kiristiyaanota Jaarraa Jalqabaatiif Maaliif Kenname? (rs ful. 160 key. 1–161 key. 1)
Lak. 3: Seenaawwan Waa’ee Du’aa Ka’uu Dubbatanirraa Maal Baranna? (bh boq. 7 key. 7-15)
Cam. 25 Dubbisa M.Q.: Bau. 34-37
Lak. 1: Bau. 37:1-24
Lak. 2: “Warri Du’anii Awwaalaman” Hundi Ni Ka’u (bh boq. 7 key. 16-25)
Lak. 3: Gadhiisiitti Jiraachuu Jechuun Maal Jechuudha? Irraa Fagaachuu Kan Qabnu Maaliifi?
Wax. 1 Dubbisa M.Q.: Bau. 38-40
Lak. 1: Bau. 40:1-19
Lak. 2: Macaafni Qulqulluun Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Maal Nutti Hima? (bh boq. 8 key. 1-10)
Lak. 3: Dhukkuba Kamirraayyuu Fayyina Dhugaa Argachuuf Abdii Maaliitu Jira? (rs ful. 160 key. 2-4)
Wax. 8 Dubbisa M.Q.: Lew. 1-5
Lak. 1: Lew. 4:1-15
Lak. 2: Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata? (bh boq. 8 key. 11-23)
Lak. 3: Kiristiyaanonni Aangoosaanii Akkamitti Argisiisuu Qabu?
Wax. 15 Dubbisa M.Q.: Lew. 6-9
Lak. 1: Lew. 8:1-17
Lak. 2: ‘Fayyisuutti Ni Amantaa?’ (rs ful. 161 key. 5-6)
Lak. 3: Wantoonni Bara Keenyatti Akka Raawwataman Macaafa Qulqulluurratti Dubbataman Maalfa’i? (bh boq. 9 key. 1-9)
Wax. 22 Dubbisa M.Q.: Lew. 10-13
Lak. 1: Lew. 11:29-45
Lak. 2: Macaafni Qulqulluun Namoota “Guyyoota Gara Dhumaatti” Jiraatan Ilaalchisee Maal Jedha? (bh boq. 9 key. 10-14)
Lak. 3: Eebbawwan Namoonni Cuuphaman Argatan
Wax. 29 Dubbisa M.Q.: Lew. 14-16
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Ado. 6 Dubbisa M.Q.: Lew. 17-20
Lak. 1: Lew. 19:1-18
Lak. 2: Hundi Keenya Nama Taanee Dhalachuu Keenya Dura Addunyaa Hafuuraa Keessaa Jiraachaa turree? (rs ful. 162-163 key. 1)
Lak. 3: Ragaa “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessaa Jiraachuu Keenya Argisiisaniif Ilaalcha Akkamii Qabda? (bh boq. 9 key. 15-18)
Ado. 13 Dubbisa M.Q.: Lew. 21-24
Lak. 1: Lew. 22:17-33
Lak. 2: Qaamonni Hafuuraa Dhiibbaa Nurraan Ga’uu Kan Danda’an Akkamitti? (bh boq. 10 key. 1-9)
Lak. 3: Kiristiyaanonni Dhugaa Hiyyeessotaaf Akka Yaadan Argisiisuu Kan Danda’an Akkamitti?
Ado. 20 Dubbisa M.Q.: Lew. 25-27
Lak. 1: Lew. 25:39-54
Lak. 2: Hafuurota Hamoo Ofirraa Ittisuun Kan Dandeenyu Akkamitti? (bh boq. 10 key. 10-19)
Lak. 3: Addaam Utuu Cubbuu Hin Hojjenne Ta’ee, Dhumarratti Gara Samii Dhaqa Turee? (rs ful. 163 key. 2-3)
Ado. 27 Dubbisa M.Q.: Lak. 1-3
Lak. 1: Lak. 3:1-20
Lak. 2: Gaarummaan Of Qabuun Kan Barbaachisu Maaliifi?
Lak. 3: Rakkina Addunyaarratti Argamu Kan Fide Waaqayyodhaa? (bh boq. 11 key. 1-9)
Hag. 3 Dubbisa M.Q.: Lak. 4-6
Lak. 1: Lak. 4:1-16
Lak. 2: Gaaffii Baay’ee Barbaachisaa Dhaaba Eedenitti Ka’e (bh boq. 11 key. 10-14)
Lak. 3: Namni Tokko Jireenya Gammachuu Dhugaa Qabu Argachuuf Samii Dhaquu Qabaa? (rs ful. 163 Key. 4-6)
Hag. 10 Dubbisa M.Q.: Lak. 7-9
Lak. 1: Lak. 9:1-14
Lak. 2: Waaqayyo Rakkina Ilmaan Namootaa Kan Dhabamsiisu Akkamitti? (bh boq. 11 key. 15-21)
Lak. 3: Karaawwan Yihowaaf Amanamoo Ta’uu Keenya Itti Argisiisnu
Hag. 17 Dubbisa M.Q.: Lak. 10-13
Lak. 1: Lak. 13:17-33
Lak. 2: Jaalallee Waaqayyoo Ta’uu Kan Dandeessu Akkamitti? (bh boq. 12 key. 1-9)
Lak. 3: Hiikni 1 Phexros 3:19, 20 maalidha? (rs ful. 164 key. 1)
Hag. 24 Dubbisa M.Q.: Lak. 14-16
Lak. 1: Lak. 14:26-43
Lak. 2: Seera Waaqayyoo Jaallachuu Jechuun Maal Jechuudha? (Far. 119:97)
Lak. 3: Gaaffiin Seexanni Kaase Siin Kan Ilaalu Akkamitti? (bh boq. 12 key. 10-16)
Hag. 31 Dubbisa M.Q.: Lak. 17-21
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Fulb. 7 Dubbisa M.Q.: Lak. 22-25
Lak. 1: Lak. 22:20-35
Lak. 2: Jireenya Waaqayyoon Gammachiisu Jiraachuu Kan Dandeessu Akkamitti? (bh boq. 12 key. 17-22)
Lak. 3: Hiikni 1 Phexros 4:6 maalidha? (rs ful. 164 key. 2)
Fulb. 14 Dubbisa M.Q.: Lak. 26-29
Lak. 1: Lak. 27:1-14
Lak. 2: Barsiifni Gooftaa Maalidha? Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi? (Efe. 6:4)
Lak. 3: Lubbuudhaaf Ulfina Kennuu (bh boq. 13 key. 1-9)
Fulb. 21 Dubbisa M.Q.: Lak. 30-32
Lak. 1: Lak. 32:1-15
Lak. 2: Dhiigaaf Ulfina Akka Kenninu Argisiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti? (bh boq. 13 key. 10-19)
Lak. 3: Abdiin Samiirra Jiraachuu Kiristiyaanota Hundumaaf Kan ta’udhaa? (rs ful. 164 key. 3–165 key. 2)
Fulb. 28 Dubbisa M.Q.: Lak. 33-36
Lak. 1: Lak. 33:1-23
Lak. 2: Abbaa Manaa Gaarii Ta’uuf Maaltu Barbaachisa? (bh boq. 14 key. 1-9)
Lak. 3: Karaawwan Mootummaan Waaqayyoo Mootummaa Ilmaan Namootaa Hundaa Itti Caalu
Onk. 5 Dubbisa M.Q.: Kes. 1-3
Lak. 1: Kes. 2:1-15
Lak. 2: Barabaraaf Lafarra Jiraachuu Ilaalchisee “Kakuu Haaraan” Maal Jedha? (rs ful. 165 key. 3–166 key. 3)
Lak. 3: Dubartiin Tokko Itti Gaafatamummaashee Raawwachuu Kan Dandeessu Akkamitti? (bh boq. 14 key. 10-16)
Onk. 12 Dubbisa M.Q.: Kes. 4-6
Lak. 1: Kes. 4:15-28
Lak. 2: Ijoolleen Maatiin Gammachuu Akka Argatu Gochuu Kan Danda’an Akkamitti? (bh boq. 14 key. 17-21)
Lak. 3: Wanti Muraasni Ni Wayya Jedhamuu Kan Danda’amu Yoomi? (Fak. 15:16)
Onk. 19 Dubbisa M.Q.: Kes. 7-10
Lak. 1: Kes. 9:1-14
Lak. 2: Amantii Dhugaa Beekuun Kan Danda’amu Akkamitti? (bh boq. 15 key. 1-14)
Lak. 3: Macaafni Qulqulluun Namoonni Samiirra Jiraachuuf Abdatan Meeqa Akka ta’an ibsa? (rs ful. 166 key. 4-5)
Onk. 26 Dubbisa M.Q.: Kes. 11-13
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Sad. 2 Dubbisa M.Q.: Kes. 14-18
Lak. 1: Kes. 15:1-15
Lak. 2: Waaqayyoon Sodaachuun Maalfaa Dabalata?
Lak. 3: Maal Gochuu Yaadda? (bh boq. 15 key. 15-20)
Sad. 9 Dubbisa M.Q.: Kes. 19-22
Lak. 1: Kes. 22:1-19
Lak. 2: Kiristiyaanni tokko Ayyaanawwan Amantii Wajjin Walitti Dhufeenya Qabaniif Ilaalcha Akkamii Qaba? (bh boq. 16 key. 1-10)
Lak. 3: Namoonni 144,000 Yihudoota Keessaa Qofa Kan Filatamanidha? (rs ful. 167 key. 1-4)
Sad. 16 Dubbisa M.Q.: Kes. 23-27
Lak. 1: Kes. 25:1-16
Lak. 2: Utuu Isaan Hin Aarsin Warra Kaaniif Waa’ee Amantiikee Ibsuu Kan Dandeessu Akkamitti? (bh boq. 16 key. 11-19)
Lak. 3: * Wantoonni Akka Qulqulluutti Ilaaluu Qabnu Maalidha?
Sad. 23 Dubbisa M.Q.: Kes. 28-31
Lak. 1: Kes. 30:1-14
Lak. 2: Kadhannaadhaan Waaqayyootti Dhihaachuu Kan Qabnu Maaliifi? (bh boq. 17 key. 1-8)
Lak. 3: Caaffanni Qulqullaa’oon “Tuuta Sonaan Baay’ee” Ilaalchisee Abdii Akkamii Kenna? (rs ful. 167 key. 5–168 key. 2)
Sad. 30 Dubbisa M.Q.: Kes. 32-34
Lak. 1: Kes. 32:1-21
Lak. 2: “Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan” Maalidha? (Sef. 1:14, NW)
Lak. 3: Gaaffiiwwan Kadhannaa Ilaalchisanii Dhihaataniif Deebii Kennuu (bh boq. 17 key. 9-20)
Mud. 7 Dubbisa M.Q.: Iya. 1-5
Lak. 1: Iya. 5:1-15
Lak. 2: Waaqayyoon Tajaajiluu Akka Barbaaddu Argisiisuu Kan Dandeessu Akkamitti? (bh boq. 18 key. 1-4)
Lak. 3: Cuuphamuuf Tarkaanfii Akkamii Fudhachuu Si Barbaachisa? (bh boq. 18 key. 5-16)
Mud. 14 Dubbisa M.Q.: Iya. 6-8
Lak. 1: Iya. 8:1-17
Lak. 2: Sodaa Yoon Kufehoo Jedhu Mo’uufi Waaqayyoof Of Murteessuu Kan Qabdu Maaliifi? (bh boq. 18 key. 17-25)
Lak. 3: Lallabni 7:21, 22 Gorsa Gaarii Qabateera Kan Jennu Maaliifi?
Mud. 21 Dubbisa M.Q.: Iya. 9-11
Lak. 1: Iya. 9:1-15
Lak. 2: Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eeguu Kan Dandeessu Akkamitti? (bh boq. 19 key. 1-14)
Lak. 3: Yihowaan Warra Jaalalasaa Keessatti Of Eegan Kan Eebbisu Akkamitti? (bh boq. 19 key. 15-23)
Mud. 28 Dubbisa M.Q.: Iya. 12-15
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
[Miiljaleewwan]
45 Jaarsoliin ykn tajaajiltonni gumii utuu dhiheessanii ni filatama.