LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/09 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2009
Tajaajila Mootummaa—2009
km 2/09 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Guraandhala 23, 2009 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamoota, gaaffilee irra deebii torban Amajjii 5 jalqabuu hanga Guraandhala 23, 2009⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 20f irra deebicha geggeessa.

1. Waaqayyo maddawwan ifaa kan uume guyyaa arfaffaatti erga ta’ee, guyyaa jalqabaatti ifni akka jiraatu gochuu kan danda’e akkamitti? (Uma. 1:3, 16) [w04 1/1 ful. 28 key. 5]

2. Yihowaan Addaam cubbuu hojjechuusaa dura lafa harkasaa jala akka galfatu kan itti hime yommuu ta’u, Nohiif garuu abboommii kana laachuu dhiisuunsaa maal argisiisa? (Uma. 9:1) [it-2 ful. 1095 key. 6]

3. Kakuun Abrahaamiif galame kan hojiirra oole yoomii jalqabeeti? Kakuun kun kan turu hanga yoomiitti? (Uma. 12:1-4) [w04 1/15 ful. 26 key. 4; w01 8/15 ful. 17 key. 13]

4. Naamrudiifi namoonni isaa wajjin turan, akka yaadanitti ‘maqaa godhachuu’ akka hin dandeenye kan argisiisu maalidha? (Uma. 11:4) [w98 3/15 ful. 25]

5. Loox, 2 Phexros 2:7⁠rratti nama “qajeelaa” erga jedhamee, intalootasaa namoota hamoodhaaf kennuuf kan kaka’e maaliifi? (Uma. 19:8) [w05 2/1 ful. 26 key. 15-16; w04 1/15 ful. 27 key. 3]

6. Abbootiin manaa Waaqayyoon sodaatan maatiisaaniitiif kunuunsa gochuu kan qaban ta’ee utuu jiruu, Abrahaam Aggaariifi Ishmaa’eliin gara lafa onaatti kan erge maaliifi? (Uma. 21:10-21; 1 Xim. 5:8) [w88 2/15 ful. 31]

7. Elii’ezaar yommuu Yisihaqiif haadha manaa barbaacha deemetti, wanta Yihowaan barbaadu gochuusaarraa barumsa akkamii arganna? (Uma. 24:14, 15, 17-19, 26, 27) [w97 1/1 ful. 31 key. 2]

8. Abjuun Yaaqoob, ‘yaabbannoo ergamoonni Waaqayyoo isarra ol ba’aniifi gad bu’an’ ilaalchisee arge hiiknisaa maal ture? (Uma. 28:10-13) [w03 10/15 ful. 29 key. 1; it-2 ful. 189]

9. Raahel ija mukaa (hudhaa) ilmi Liyaa fide argachuuf baay’ee kan hawwite maaliif ture? (Uma. 30:14, 15) [w04 1/15 ful. 28 key. 7]

10. Walitti bu’iinsa warra kaanii wajjin uumamu hiikuu ilaalchisee, fakkeenyi Yaaqoob gaarii kan ta’e maaliifi? (Uma. 33:3, 4) [g82 2/22 ful. 19 key. 8-10]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi