Sagantaa Torban Guraandhala 23 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 23 JALQABU
Faarfannaa 7 (51)
❑ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
❑ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Uumama 32-35
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
❑ Walga’ii Tajaajilaa:
Faarfannaa 23 (200)
Daq. 5: Beeksisa. Barruu Bitootessatti raabsamurratti ibsa kenni.
Daq. 10: Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaafi Dammaqaa! Amajjii Raabsuuf Qophaa’uu. Barruulee kana ilaalchisee ibsa gabaabaa erga kennitee booda, mataduree kamtu xiyyeeffannaa namoota naannoo tajaajilaasaaniitti argaman hawwachuu akka danda’u, akkasumas maaliif qalbiisaanii akka hawwatu dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri. Maree jalqabuuf gaaffiifi caqasa barruulee kana utuu hin raabsin dura itti fayyadamuu barbaadan akka dubbatan afeeri. Barruuleen kun akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisa dhiheessuudhaan xumuri.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Buukleetii Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaan Qoruu Jedhamu Itti Fayyadamaa Jirtaa? Yaada seensaa buukleetii Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaan Qoruu—2009rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Guyyaa hunda yeroo ramaduudhaan Caqasa kennameefi yaada caqasicharratti hundaa’ee ibsame dubbisuun faayidaa inni qaburratti mari’adhaa. Caqasa guyyaa dubbisuu ilaalchisee amaleeffannaa qabaniifi kana gochuusaaniitiinis faayidaa argatan dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 13 (124)