Sagantaa Torban Bitootessa 23 Jalqabu
TORBAN BITOOTESSA 23 JALQABU
Faarfannaa 13 (124)
❑ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
❑ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Uumama 47-50
Lak. 1: Uumama 48:1-16
Lak. 2: Diiyaabilosiin Sodaachuu Qabnaa?
Lak. 3: Furiin Maalidha (bh boq. 5 key. 1-8)
❑ Walga’ii Tajaajilaa:
Faarfannaa 23 (200)
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaafi Dammaqaa! Eblaa Raabsuuf Qophaa’uu. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Barruulee kana ilaalchisee ibsa gabaabaa erga kennitee booda, mataduree inni kam xiyyeeffannaa namoota naannoo tajaajilaasaaniitti argaman hawwachuu akka danda’uufi maaliif akka isaan hawwatu akka dubbatan afeeri. Matadureewwan kana beeksisuuf gaaffiifi caqasa kamitti fayyadamuutu danda’ama? Hojiin argisiisni barruuleen kun akkamitti akka raabsaman argisiisu haa dhihaatu. Hojiin argisiisni inni tokko deddeebii gaaffiin yeroo godhamu qayyabannaan akkamitti akka jalqabsiifamu kan argisiisu haa ta’u.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Namoonni Ilaalchasaanii Akka Ibsan Gochuufi Xiyyeeffannaan Dhaggeeffachuudhaan Akka Isaan Kabajjan Argisiisaa. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii jedhu ful. 186-187rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Babal’isaan tokko gorsa kana tajaajilarratti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu hojiin argisiisa akka dhiheessu godhi. Achiis, akkaataan dhiheenyaa babal’isichaa bu’a qabeessa kan ta’e maaliif akka ta’e dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri.
Faarfannaa 25 (204)