Yeroo Qabdanitti Sirriitti Fayyadamaa
Gorsawwan Gaariin Kun Maxxansa Tajaajila Mootummaa Kanaan Duraarraa Kan Fudhatamanidha
1. (a) Walga’ii tajaajila dirree wajjin haala wal qabateen, yeroo keenyatti sirriitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Yeroo wal eeguutti dabarsinu hambisuu ykn gabaabsuu kan qabnu maaliif?
1 Namni hundi torbanitti sa’aatii qixxee ta’e qaba. Keessumaa yeroon wangeela lallabuuf itti fayyadamnu, yeroo hojii lubbu baraarsaa itti hojjennu waan ta’eef hunda caalaa bakka guddaatu kennamaaf. (Rom. 1:16) Sagantaa walga’ii tajaajilaatiif ba’e qophii gaarii gochuudhaan, walga’ii tajaajilaarratti yeroodhaan argamuufi akkuma walga’ichi dhumeen dafnee gara naannoo tajaajilaa dhaquudhaan, dinqisiifannaa yeroo kanaaf qabnu argisiifna. Dhaabannee wal eeguu mannaa, dafnee lallaba jalqabuu qabna. Yihowaan ‘wanti hundinuu yeroo akka qabu’ waan nu barsiiseef, yeroo tajaajilaaf ramadne tajaajila qofaaf oolchuu qabna.—Lal. 3:1. (km 6/99 ful. 4, key. 1)
Kaayyoo Keenya Yaadachuudhaan
2. Caaffanni Qulqullaa’oon, hojii lallabaa wajjin haala wal qabateen maal akka yaadannu nu jajjabeessu?
2 Yaanni Fakkeenya 24:11, 12 keessaatti ibsame tajaajilli keenya dhimma du’aafi jireenyaa ta’uusaa akka gaariitti nu hubachiisa. Yaada kana, hojii Yesus Maatewos 28:19, 20rratti bartoota akka goonu nuu kennee wajjin wal qabsiisuu dandeenya. Sanyiin dhugaa akka guddatuuf deddeebii gaaffii gochuun barbaachisaadha. (1 Qor. 3:6, 7) Kana gochuun keenya, Diiyaabilos sanyii jalqaba facaafame sana akka hin bu’anne ittisa. (km 6/95 ful. 4 key. 1, 5)
3. (a) Yeroo karaarratti tajaajillu maalirraa of qusachuu qabna? (b) Gammachuun keenya akka dabaluuf yeroo keenyatti akkamitti fayyadamuu qabna?
3 Tajaajilaaf yommuu baanu of eeggachuu baannaan, karaa sirrii hin taaneen yeroo keenya gubuu dandeenya. Yommuu karaarratti tajaajillu, oduudhaan qabamuurraa of qusachuun gaariidha. Kanaa mannaa, namootatti dhihaannee isaan haasofsiisuu haa yaallu. Kana yoo goone yeroo keenya sirriitti itti fayyadamuufi hojicharraas gammachuu guddaa argachuu dandeenya. (km 6/99 ful. 4, key. 4, 5)
4. Yeroo keenyatti sirriitti fayyadamuuf maalirratti xiyyeeffachuu qabna? Fakkeenya kenni.
4 Daawwataan olaanaa aanaa tokko wanta hubate akkas jechuudhaan ibseera: “Babal’istoonni sadii karaa namni itti baay’atu tokko cina dhaabatanii, barruulee qabatanii utuu odeessaniin arge; namoonni hedduun isaanuma bira darbu turan,”. Babal’istoonni kun karaarratti lallabuudhaan bu’aa qabeeyyii turanii? Caalaatti xiyyeeffannaa kan kennan namootaafimoo sa’aatiisaaniitiif fakkaata? Babal’istoonni hedduun barruulee keenya raabsuuf karaarra dhaabachuun bu’aa gaarii argamsiisa jedhanii hin yaadan. Waggaa shantama dura Jaarmiyaan Yihowaa akka armaan gadii jechuudhaan gorsa yeroo keenyaafis ta’u kennee ture: “Karaarra asiif achi deemuudhaan, namoota konkolaataa dhaabate keessa taa’aniifi namoota karaarratti argataniif barruulee raabsaa. Fuula ifaadhaan namicha ilaalaa haasofsiisaa.” (km 3/84 ful. 5, key. 25)
5. Namoota bakka namoonni hedduun argamanitti haasofsiifne, deebinee gaafachuuf haala mijeessuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Namoota bakka namoonni itti baay’atanitti argattan hordofaa gargaaraa. Baay’een keenya karaarratti, geejjiba hawaasaa keessatti, gabaatti bakka bashannanaafi iddoowwan garabiraatti lallabna. Namootaaf barruulee raabsuu dabalatee caalaatti fedhiinsaanii akka guddatu gargaaruu qabna. Kaayyoo kana yaadatti qabachuudhaan maqaa, teessoofi danda’amnaan lakkoofsa bilbilaa namoota fedhii argisiisanii qabachuuf carraaqqii gochuu qabna. Odeeffannoo kana argachuun akka yaadamu ulfaataa miti. Akkuma maree keessan xumurtaniin yaadannoo kee baafadhuutii: “Marii keenya kana gara fuulduratti karaan itti fufuu dandeenyu jiraa laata?” jedhii gaafadhu. Obboleessi tokko salphaadhumatti, “Lakkoofsi bilbilakeetii meeqa?” jedhee gaafata. Akka kanaan ji’a sadii keessattii namoota sadiirraa kan hafe hundinuu lakkoofsa bilbilasaanii akka isaaf kennan gabaaseera. (km 3/97 ful. 6, key. 24)
6. Kiyyoo Seexanaa akkamiirraa of eeggachuu qabna?
6 Diina Waaqayyoo kan ta’e Seexanni namoonni fayyina akka argatan hin fedhu. Kanaaf abdii kutannee lallaba keenya akka dhaabnu gochuuf yaala. Yoo kun milkaa’uufii baate, tooftaa biraatti fayyadamee namoota fedhii qaban nu irraanfachiisuu yaala. Namoota fedhii argisiisan deebinee gaafachuutti dantaa akka hin dhabne of eeggachuudhaan kiyyoo Seexanaa keessatti akka hin kufne of eeggachuu qabna. Kun ta’uu kan danda’u akkamitti? Babal’istoonni hedduun yaadannoo qabatanii namoota fedhii qaban deebi’anii gaafachuu mannaa, “Ani nama kana hin irraanfadhu” yaada jedhuun akka of gowwoomsan hubatameera. Sana booda sammuun keenya wantoota haaraa hedduudhaan yommuu qabamu namoota fedhii argisiisaniifi hin irraanfannu jennee yaadaa turre, irraanfachuu dandeenya. Seexanni mala biraattis fayyadamuu danda’a. Obboleessi tokko, waggaa afuriif namoota fedhii qaban akka galmeesseefi tokkoosaaniillee deebi’ee akka hin gaafanne daawwataa olaanaa aanaa tokkotti himeera. Diinni Waaqayyoo, namoonni fedhii qaban kun hundi yommuu dagataman hin gammaduu? (km 6/95 ful. 4, key. 2, 3)
7. Fedhii namootaa guddisuu akka hin daganne maaltu nu gargaara?
7 Namoonni deddeebi’anii gaafachuufi Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuutti milkaa’ina argatan, warra kaaniif yaaduufi erga isaan haasofsiisanii boodallee waa’eesaanii yaaduun barbaachisaa ta’uusaa dubbataniiru. Kana malees, mataduree Macaafa Qulqulluu nama hawwatu tokko kaasuufi maree goonee walbiraa adeemuu keenya dura yeroo garabiraa deddeebii gaaffii gochuuf bu’uura kaa’uu qabna. Fedhii namootaa kakaasuuf dafanii gaaffii deddeebii gochuunis barbaachisaadha. Dabalataanis fedhiisaanii kana guddisuuf dafnee deebinee dhaquun keenya gaariidha. Yeroo hunda kaayyoon keenya qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu ta’uusaa yaadachuu qabna. (km 3/97 ful. 6, key. 32)
Dandeettii Tajaajilaa Keenya Guddisuu
8. Tajaajilarratti seensa gaariitti fayyadamuun keenya caalaatti bu’aa qabeessa kan nu taasisu akkamitti?
8 Yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuun keenya, misiraachoo kana lallabuutti dandeettii qabnu guddisuuf nu gargaara. Seensa gaariitti fayyadamuudhaan manaa gara manaatti marii jalqabuuf dandeettii keessan fooyyessuu dandeessuu? Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf dandeettii qabdan guddifachuu dandeessuu? Kana gochuudhaan yeroo tajaajilarratti dabarsitan sirriitti itti fayyadamuufi tajaajila keessan caalaatti bu’aa qabeessa gochuu dandeessu.—1 Xim. 4:16. (km 6/99 ful. 4, key. 8)
9. Babal’isaan guddachaa jiru maaliin beekama?
9 Akka Filiphisiiyus 3:16 agarsiisutti, hundi keenya guddachuuf tattaafachuu qabna. Jechi “guddina” jedhu, “fuulduratti deemuu, fooyya’ina argisiisuu” jechuudha. Namoonni guddachuu barbaadan, “yaada, argannoofi carraa haaraa argachuuf fedhii qabu.” Phaawulos warri Filiphisiiyus Kiristaanummaan bakkuma tokko kan hin dhaabanne ta’uusaa akka hubataniifi warri amantii kana hordofna jedhanis guddachuusaanii itti fufuu akka qaban akka hubatan barbaada ture. Of qorachuuf fedha qabachuudhaan, dadhabinasaanii amanuudhaan, caalaatti hojjechuudhaan ykn qulqullina hojiisaanii dabaluunsaanii guddachuuf fedhii akka qaban argisiisa. Yeroo ammaa jaarmiyaan Yihowaa hojiisaa babal’isuufi Dubbii Waaqayyoo hubachuutti caalaatti guddachaa jira. Hundi keenya, qophii jaarmiyaa kanaa hundatti fayyadamuufi guutummaatti hojiisaarratti hirmaachuudhaan, jaarmiyaa kana faana tarkaanfachuu qabna. (km 8/94 ful. 3, key. 4)
10. Tajaajiltoonni guddachaa adeeman galma akkamii bira ga’uuf tattaafattu?
10 Tajaajiltoonni guddachaa adeeman, carraa argatan hundatti fayyadamanii namoonni Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeeru. Babal’istoonni tokko tokko guyyaa jalqabaa namoota haasofsiisanitti qayyabannaa jalqabsiisuu danda’aniiru. Yommuu barreeffama namootatti argisiiftu keeyyata filattanitti fayyadamaa. Keeyyatawwan kun mataduree irratti mari’achaa jirtanii wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya kan qabaniifi gaaffiiwwan fedhii nama haasofsiistan sanaa kan kakaasan ta’uu qabu. Babal’istoonni kana gochuuf sirriitti qophaa’an, qayyabannaa jalqabsiisuurratti caalaatti milkaa’ina argatu. (km 6/86 ful. 3, key. 7)
Namootarratti Xiyyeeffachuudhaan
11. Bartoota gochuutti milkaa’oo kan ta’an caalaatti maalirratti xiyyeeffatu?
11 Hojii bartoota gochuurratti milkaa’oo kan ta’an, sa’aatii tajaajilarra ykn barruulee raabsuurra caalaatti namootaaf xiyyeeffannaa kan godhan akka ta’an hubatameera. Babal’istoonni kun caalaatti, ‘namootaafi’ ‘qayyabannaa Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuurratti’ xiyyeeffatu. Babal’istoota kana keessaa tokko tokko yoo danda’ame balbala hunda erga rukutanii booda, nama haasofsiisan sanaan akkas jedhu: “Namoonni gatii malee Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeeraa jirra; qayyabannaan kun akkamitti akka geggeeffamu isinittis utuu argisiisnee nutti tola.” Malli kun bu’a qabeessa ta’uu danda’a. Yeroo tokko babal’isaan tokko manaa manatti tajaajilaa utuu jiruu namni inni haasofsiise, “Maal barbaadde? Yaadasaa natti himi” jedheen. Babal’isaan sunis, ‘Macaafa Qulqulluu kaffaltii malee qayyabachuu akka barbaaddu si gaafachuun dhufe” jechuudhaan deebiseef. Namichis afeerraa sana ni fudhate. (km 4/79 ful. 1, key. 7)
12. Deddeebinee gaafachuuf fedha qabaachuu kan qabnu maaliifi?
12 Yeroo ammaatti baay’een keenya mana dhugaa keessa jiraachuu kan dandeenye babal’isaan tokko obsaan deddeebi’ee waan nu gargaareefidha. Namoota gargaarsa akkasiitiin gara dhugaatti dhufan keessaa tokko yoo taate, akkas jechuudhaan of gaafachuu dandeessa: ‘Jalqabarratti babal’isaa kanaaf deebii akkamiin deebiseef? Ergaa Mootummichaa akkuman dhaga’eenan fudhadhee? Dantaa kan hin qabnen fakkaadhan turee?’ Babal’isaan sun deebi’ee nu gaafachuu akka qabu itti dhaga’amee, ‘Waaqayyo keenyas ija jabina kenneefii’ deebi’ee waan nu gaafateefi dhugaa waan nu barsiiseef gammaduu qabna. (1 Tas. 2:2) Muuxannoon kanaa gaditti dhihaate akka argisiisutti ilaalcha gaarii qabaachuun keenya baay’ee barbaachisaadha.
13. Namoota fedhii argisiisan gargaaruurraa dafnee abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
13 Gaaf tokko ganama babal’istoonni lama utuu karaarratti lallabaa jiranii, shamarree barcuma gololleetiin mucaa oofaa jirtu argatan. Shamarreen sun barruulee fudhattee babal’istoonni sun Dilbata ittaanutti manashee dhaqanii akka ishee gaafatan afeerte. Isaanis beellamasaanii kabajanii yommuu ishee bira dhaqan shamarreen sun ammaaf yeroo akka hin qabne itti himte. Ta’us torban dhufutti akka argamtu itti himte. Obboleettonni beellama jettetti argamuushee shakkanii turan; yeroo deebi’anii dhaqan garuu shamarreen kun isaan eegaa turte. Shamarreen kun qayyabannaa jalqabdee, jijjirama guddaas gochuu jalqabde. Utuu baay’ee hin turinis, yeroo hunda walga’iiwwanirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuu eegalte. Yeroo ammaatti obboleettii cuuphamte taateetti. (km 3/97 ful. 3, key. 5, 6)
Qindaa’uudhaan
14-16. Deddeebi’anii gaarii gochuuf wantoonni barbaachisaa ta’an maalfa’i?
14 “Marii gaarii ture! Utuun hin irraanfatin nama kana deddeebi’ee gaafachuun narra jira.” Akkana erga jettanii booda, iddoo namichi jiraatu irraanfattanii hin beektanii? Kana taanaan, utuu hin irraanfatin deddeebitanii gaafachuuf kan isin gargaaru malli inni guddaan yaadannoo qabachuudha.
15 Wanta hunda yaadannoo keessanirratti barreessaa. Wanta mari’attan utuu hin irraanfatin, yeroo muraasa fudhadhaatii waa’ee namichaa yaadannoo barbaachisaa ta’e qabadhaa. Maqaa namichaafi mallattoo adda ta’e qabadhaa. Teessoosaa barreeffadhaa malee tilmaamuuf hin yaalinaa. Teessoon barreeffattan sirrii ta’uusaa mirkaneessaa. Mataduree irratti mari’attan, caqasa dubbistaniif, akkasumas barreeffama kennitaniif barreeffadhaa.
16 Gaaffii yeroo deebitanii dhaqxanitti deebistaniif isa gaafattaniittu taanaan yaadannoo qabadhaa. Waa’ee namichaa, waa’ee maatiisaa ykn amantiisaa waan hubattan qabduu? Taanaan yaadannoo qabadhaa. Yeroo ittaanutti deebitanii si’a dhaqxan wantoota kana kaasuun namicha gargaaruuf fedhii qabaachuu keessan argisiisa. Dhumarrattis guyyaafi sa’aatii yeroo jalqabaatiif maree itti gootaniifi deebitanii dhaquuf beellama itti qabattan yaadannoo qabadhaa. Yaadannoo guutuu qabachuun keessan maree gootan sirriitti yaadachuuf kan isin gargaaru ta’uusaarrayyuu deebitanii dhufuuf beellama qabattan akka hin daganne isin gargaara.—1 Xim. 1:12.
17. Yaadannoo namoota fedhii argisiisan itti qabanne akka nu jalaa hin banne maal gochuu qabna?
17 Galmee keessan akka gaariitti erga guuttanii booda mi’awwan tajaajilaa kan akka korojoo, Macaafa Qulqulluu, Kitaaba Ragaa Dhiheessuufi barreeffamoota keessa yoo keessan salphaatti yaadachuu dandeessu. Dhugaadha, yaadannoo guutuu qabachuuf carraaqqii gochuun barbaachisaa ta’us, caalaatti kan barbaachisu deebitanii dhaquu keessanidha! (km 4/00 ful. 8, key. 1-4)
18. Deddeebii gaaffii gochuuf qophii akkamiitu nu barbaachisa?
18 Torbanitti guyyaa murtaa’e deddeebii gaaffiitiif oolchuun gaarii ta’uunsaa yaanni kennameera. Sirriitti yoo karoofanne hojii hedduu hojjechuu dandeenya. Manaa gara manaatti deddeebii gaaffii gochuufis qophii godhaa. (km 3/97 ful. 6, key. 31)
19. Qorontos Inni Duraa 7:29 hojii lallabaa keenyarratti jijjiirama akkamii fiduu qaba?
19 “Yeroon si’anaa kun dhumuuf” waan jiruuf, jireenyi keenya hojiiwwan Kiristiyaanummaatiin guutamuu qaba. (1 Qor. 7:29) Hunda caalaa hojii lallabaa keenyaaf yeroo ramaduun wanta dursi kennamuufii qabudha. Tajaajila keenya qulqullinaafi hinaaffadhaan haa raawwannu. Yeroon, qabeenya Yihowaan nuu kennedha. Yeroo hunda ogummaadhaan akkasumas sirriitti itti fayyadamaa. (km 6/99 ful. 4, key. 9)