Barreeffamoota Keenya Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa
1. Fakkeenya Yesus hordofuudhaan, qophii Yihowaatiif dinqisiifanna akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
1 Yesus namoota baay’ee dinqiidhaan erga nyaachisee booda, kan isaanirraa hafe akka walitti qaban qophii godheera. (Mat. 14:19-21) Yesus, qophii Yihowaan godheef dinqisiifannaa akkasii qabaachuunsaa, nuyis qophii Yihowaan karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ nuu godhe hunda sirriitti itti fayyadamuudhaan, ‘warra galata galchinu’ akka taanuuf fakkeenya gaarii nuu ta’a.—Qol. 3:15; Luq. 12:42; Mat. 24:45-47.
2. Kuufama barruulee hir’isuu kan dandeenyu akkamitii?
2 Barruulee: Barruulee keenya namootaaf hin raabsinu taanaan, salphaadhumatti kuufamaa deemuu danda’u. Kanaafuu barruuleen fudhannu nurra hafa taanaan, ajaja keenya hir’isuu qabna. Barruulee turan yoo qabaannehoo? Barruuleen kun waan turan yoo ta’aniyyuu, namoonni barruulee kana dubbisan yoomiyyuu faayidaa irraa argatu. Barruulee turan baay’inaan qabna taanaan, ilaaltuun olaanaa tajaajilaa ykn jaarsi tokko barruulee kana akkamitii karaa bu’a qabeessa ta’een raabsuu akka dandeenyu yaada nuu kennuu danda’a.
3, 4. Galma Mootummaa keessaa barreeffamoota yommuu fudhannu maal yaadachuu qabna?
3 Barreeffamoota Kaan: Barreeffamni raabsinu yeroo jijjiiramu, barreeffama tajaajila dirreerratti raabsamu dabalataan Galma Mootummaatii fudhachuu keessan dura, barreeffama kana manaa akka qabdaniifi akka hin qabne ilaalaa. Barreeffama torbaniif isin ga’u qofa fudhadhaa; isa fudhattan erga raabsitanii booda dabalachuu yoo barbaaddan tajaajilaa barreeffamaa gaafadhaa.
4 Barreeffama koppii dhuunfaatiif itti fayyadamtan yommuu gaafattan, hamma isin barbaachisu qofa ajajaa. Bakka kaayyoo kanaaf qophaa’etti maqaa keessan barreessaa. Kunimmoo, koppiin keessan yoo bade deebistanii argachuuf isin gargaara. Waachtaawar Laayibirarii CD-ROMitti kan fayyadamtaniifi barreeffamoota kana koppii dhuunfaa yoo qabaattan, jildii Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa ajajuu dhiisuu dandeessu.
5. Yeroo barreeffamoota keenya raabsinu maal yaadachuu qabna?
5 Barreeffamoota Raabsuu: Barreeffamoota keenya namoota fedhii gaarii argisiisan qofaadhaaf kennuu qabna. Gatii barreeffamoota tajaajilaaf itti fayyadamnu kanaa kaffaluuf, itti gaafatamummaa guddaan kan keenya ta’uusaa yaadadhaa. Namoota fedhii agarsiisaniif barreeffama yommuu laattan, hojii addunyaa maratti hojjetamaa jiru qarshiisaaniitiin deggeruuf mirga akka qaban itti himuurraa duubatti hin jedhinaa.
6. Barreeffamoota keenyaaf bakka guddaa kan kenninu maaliifi? Kunoo akkamitti akka itti fayyadamnu nu kakaasa?
6 Yesus dinqiidhaan namoota baay’ee nyaata foonii kan nyaachise ta’us, caalaatti garuu nyaata hafuuraa isaan sooreera. Yesus, “Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’u hundumaan malee” jechuudhaan dubbateera. (Mat. 4:4) Barreeffamoonni keenya, dhugaa Macaafa Qulqulluu isa jireenya barabaraa argachuuf barbaachisaa ta’e barsiisu. (Yoh. 17:3) Barreeffamoonni kun gati qabeessa waan ta’aniif karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuu hin qabnu!