Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Caamsaa: Barruulee; Waxabajjii: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisaa?; Adoolessaafi Hagayya: Birooshuroota.
◼ Biyya garabiraa yommuu dhaqxan, walga’iiwwan gumii, aanaa, addaa ykn koonyaarratti argamuuf karoora qabaannaan, guyyaa, sa’aatiifi bakka walga’iin itti geggeeffamu beekuuf, waajjira damee hojii biyya sanaa to’atu gaafachuu qabdu. Teessoowwan waajjiroota damee dhuma fuula Kitaaba Waggaa dhihoo ba’erra jiru.
◼ Walga’ii Koonyaa “Yeroo Hundaa Dammaqinaan Eegaa!,” jedhurratti argamuu ilaalchisee gorsaafi yaadachiisawwan kennamanirratti mari’achuuf Walga’ii Tajaajilaa, torban Walga’ii koonyaa dura jirurratti sirreeffama gochuun barbaachisaa ta’uu danda’a. Walga’iin koonyaa erga godhamee ji’a tokko ykn lama booda, tarii sagantaa akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa jedhurratti, babal’istoonni yaadawwan walga’icharratti dhihaataniifi tajaajilasaaniitiif gaarii ta’ee argatan akka irra deebi’an qophii godhaa.
◼ Al tokko tokko Walga’ii Tajaajilaarratti barruuleen akkaataa dhiheenyaa tajaajila dirreetiif ta’u irratti mari’atamu gumii hin qaqqabin hafa ta’a. Yommuu haalli akkasii mudatutti barreeffama dhiheenya ba’etti fayyadamuun ni danda’ama.