LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/09 ful. 2
  • Barsiisuuf Akka Gaariitti Qophaa’aa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barsiisuuf Akka Gaariitti Qophaa’aa
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namoonni Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiistan Akka Cuuphaman Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Tokko
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Lama
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 6/09 ful. 2

Barsiisuuf Akka Gaariitti Qophaa’aa

1. Yommuu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessinu dinqisiifannaasaanii guddisuurratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliif?

1 Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiifnu, Yihowaa tajaajiluuf akka kaka’u kan barbaannu taanaan, qayyabannaa geggeessuuf akka gaariitti qophaa’uu qabna. Carraaqqiin keenya bu’aa kan argamsiisu, baratichi wanta Macaafa Qulqulluurraa baratu akka dinqisiifatu yoo goonedha. Kunimmoo baratichi hojiif akka kaka’u isa taasisa. (Kes. 6:5; Fak 4:23; 1 Qor. 9:26) Kana gochuu kan dandeenyu akkamiitti?

2. Kadhannaan qayyabsiisuudhaaf akka gaariitti qophii gochuuf kan nu gargaaru akkamiti?

2 Kadhannaadhaan Qophaa’aa: Sanyii dhugaa garaa baratichaa keessatti kan guddisu Yihowaa waan ta’eef, yommuu qayyabsiisuudhaaf qophaa’uu jalqabnu, baratichaafi wanta isa barbaachisuuf adda baasnee kadhachuun keenya barbaachisaadha. (1 Qor. 3:6; Yaq. 1:5) Kadhannaan akkasii garaan baratichaa caalaatti ‘Waaqayyoon beekuudhaan’ akka guutamu gochuuf, maaltu akka nu gaargaaru murteesuufis nu gargaara.—Qol. 1:9, 10.

3. Barata keenya sammuutti qabannee qophaa’uu kan dadeenyu akkamitti?

3 Barataa Keessan Tilmaama Keessa Galchaa: Yesus barsiisaa bu’a qabeessa ta’uun, dhaggeeffattoota xiyyeeffannaa keessa galchuu akka dabalatu beeka ture. Yesus yeroo tokko gaaffii, “Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta’a?” jedhu al lama gaafatamee ture. Yeroo lammanu deebii kennuuf toftaa addaddatti fayyadameera. (Luq. 10:25-28; 18:18-20) Qophii yommu gonnu baratan keenya maal barachuun akka isa barbaachisu sammuutti qabachuu qabna. Caqasawwan kennaman keessaa isaa wajjin kan dubbisnu isa kamidha? Takkaatti hammam qayyabachuutu isinirra jira? Barumsicha keessaa qabxiin baratichatti ulfaatu ykn fudhachuun isa rakkisu kami? Gaaffiiwwan baratichi gaafachuu danda’a jennee yaannu samuutti qabannee qophaa’uun keenya karaa bu’a qabeessa ta’een deebii kennuuf akka qophoofnu nu gaargaara.

4. Qophii gaarii gochuun maal dabalata?

4 Barumsicha Irraa Deebi’aa: Barumsicha kanaan dura yeroo baay’ee kan qayyabanne ta’us, baratichaa wajjin kan qayyabannu yeroo jalqabaatiifidha. Garaa baratichaa tuquu yoo barbaanne, yeroo qayyabsiisuuf jennu hundaatti qophii gaarii gochuun keenya barbaachisaadha. Kana jechuun wanta baratan keenya akka godhu jajjabeessinu nuyis gochuu qabna jechuudha. Baraticha sammuutti qabachuudhaan barumsicha akkasumas caqasawwan kennaman irra deebi’aa, tariimmoo yaadawwan ijoo ta’an jala muraa.—Rom. 2:21, 22.

5. Fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Yihowaan guddina tokkoon tokkoon barattoonni Macaafa Qulqulluu godhaniif xiyyeeffannaa guddaa kenna. (2 Phe. 3:9) Nuyis yommuu qayyabsiisnu hundaatti qophii gochuuf yeroo ramaduudhaan akka isaanii yaannu argisiisuu dandeenya.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi