Sagantaa Torban Waxabajjii 22 Jalqabu
TORBAN WAXABAJJII 22 JALQABU
Faarfannaa 7 (51)
❑ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
fy boq. 7 14-20
❑ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Lew. 10-13
Lak. 1: Lew. 11:29-45
Lak. 2: Macaafni Qulqulluun Namoota “Guyyoota Gara Dhumaatti” Jiraatan Ilaalchisee Maal Jedha? (bh boq. 9 key. 10-14)
Lak. 3: Eebbawwan Namoonni Cuuphaman Argatan
❑ Walga’ii Tajaajilaa:
Faarfannaa 17 (187)
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Dhaggeeffattoonni Hubannaasaaniitti Akka Fayyadaman Gargaaraa. Kitaaba Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii ful. 57, key. 3 hanga ful. 58, key. 3rratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu.
Daq. 10: Masaraa Eegumsaa Ebla-Waxabajjiifi Dammaqaa! Adoolessa Raabsuuf Qophaa’uu. Barruulee kana ilaalchisee irra deebii gabaabaa erga dubbattee booda, mataduree kamtu xiyyeeffannaa namoota naannoo tajaajilaasaaniitti argaman hawwachuu akka danda’u, akkasumas maaliif qalbiisaanii akka hawwatu dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri. Matadureewwan namoota haasofsiisuuf itti fayyadaman, akkasumas barruulee kana raabsuuf gaaffiiwwaniifi caqasoota barruulee sana keessaa itti fayyadamuu barbaadan ilaalchisee yaada akka kennan gaafadhu. Barruuleen kun akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 10: Amantii Ilaalchisee Mormii Ka’uuf Deebii Kennuu. Kitaaba Ragaa Dhiheessuu ful. 329, key. 3 hanga ful. 332 key. 3rratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Hojiin argisiisni tokko ykn lama haa dhihaatu.
Faarfannaa 8 (53)