Torban Guraandhala 1 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 1 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
lv boq. 3 key. 1-7, saanduqa ful. 29rra jiru
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Abo. 8-10
Lak. 1: Abo. 8:1-12
Lak. 2: Bakka Macaafni Qulqulluun Iddoo Lafa Jalaa Jedhee Waamu Kan Dhaqan Namoota Akkamiiti? (rs ful. 170 key. 2-4)
Lak. 3: Waa’ee Du’aa Beekumsa Dhugaa Argachuun Keenya Faayidaa Akkamii Qaba?
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Qayyabanna Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu. Guyyaan namoonni qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqaban itti afeeramu yoom akka ta’e beeksisi. Muuxannoowwan nama jajjabeessan dubbadhu yookiinimmoo ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiif ykn babal’isaa muuxannoo qabu tokkoof, yaada seensaa naannoo tajaajilaa keessanitti bu’a qabeessa ta’ee argate ilaalchisee gaafannoo godhiif. Yaada seensaa itti fayyadamu hojiin argisiisaan akka argisiisus gaafachuu dandeessa.
Daq. 10: Tajaajilarratti Wantoota Ijaan Argamanitti Fayyadamaa. Haasawaa kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, fuula 247, keeyyata 1, hanga fuula 248, keeyyata 1rratti hundaa’ee dhihaatu.