Saanduqa Gaaffii
◼ Namni hundi walga’iiwwan gumiirratti barachuuf haalli mijaa’aan akka jiraatuuf gumaacha gochuu kan danda’u akkamitti? (Kes. 31:12)
Kabaja guddaa Yihowaafi qophii walga’iiwwan gumiisaatiif qabaniin kan ka’e, namoonni walga’iirratti argaman hundi dursanii argamuudhaan barachuuf akka qophaa’an ni jajjabeeffamu. Teessuma gara boodaa warra ijoollee xixinnoo qabaniifi darbee darbee barfatanii dhufaniif dhiisuudhaan teessuma fuulduraarra taa’uun gaariidha. Walga’iin jalqabuusaa dura meeshaawwan elektirooniksii kan akka moobaayilii, peejariifi kkf dhaggeeffattoota akka hin jeeqneef cufamuu ykn sirreeffamuu qabu. Kan walga’iirratti argaman hundi hanga jalqabamee xumuramutti amala gaarii kan argisiisan taanaan, jeequmsi ni xiqqaata ykn hin jiraatu.—Lal. 5:1; Filp. 2:4.
Namoonni haaraan yommuu walga’iiwwanirratti argamuu jalqaban, namni gumii keessaa isaan beeku tokko akka isaa wajjin taa’an afeeruu danda’a. Keessumaa ijoollee xixinnoo leenjifaman kan qaban taanaan kun barbaachisaadha. Walga’iiwwanirratti hirmaachuun maatichaaf haaraa ta’uu danda’a. Taanaan, ijoolleesaanii xixinnoo kunuunsuuf jecha gad ba’anii deebi’uun waan isaan barbaachisuuf, gara boodaa bakka warra kaan baay’ee hin jeeqne taa’uun isaanitti toluu danda’a. (Fak. 22:6, 15) Maatiiwwan ijoollee xixinnoo qaban bakka ijoolleen jeequu akka danda’an isaanitti dhaga’amu kutaa tokko keessaa kophaasaanii ta’uu hin qaban. Akkuma walii galaatti warri ijoolleesaanii adabuus ta’e wanta isaan barbaachisu galma mootummaatii alatti gochuudhaan, fudhatanii gara galmichaatti deebi’uunsaanii gaariidha.
Keessumsiistonni mana waaqeffannaa keessa haalli mija’aan akka jiraatu gochuuf gargaaru. Maatiiwwaniifi namoonni darbee darbee barfatanii dhufan taa’umsa mijaa’aa akka argatan gargaaruuf dursanii argamu. Keessumsiistonni jeequmsa utuu hin uumin warri kaan teessuma mijaa’aa ta’e akka argatan gargaaruurratti malaafi hubannaa qabu. Jeequmsa utuu hin yaadamin uumamu kamiyyuu hiikuuf murtoo sirrii gochuu danda’u. Amalli mucaa tokkoo warra kaan yommuu jeequ, keessumsiistonni gaarummaadhaan gargaarsa kennu ta’a.
Warri waaqeffannaadhaaf walga’iiwwanirratti argaman hundi, barumsa waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa addunyaa haaraa isa nagaafi qajeelummaan keessa buufateef haala mijaa’aa uumuu danda’u.—Ibr. 10:24, 25.