Torban Amajjii 18 Jalqabu
TORBAN AMAJJII 18 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Abo. 1-4
Lak. 1: Abo. 2:11-23
Lak. 2: Macaafni Qulqulluun, Erga Foon Du’ee Booda Lubbuun Jiraachuushee Itti Fuftu Akka Jirtu Ni Ibsaa? (rs ful. 169 key. 4-170 key. 1)
Lak. 3: Seexanni Eessaa Dhufe?
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 15: “Namoota Du’a Jala Ga’an Jajjabeessuu.” Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2008, fuula 12-16rratti kan hundaa’e si’a ta’u, jaarsi kutaa kana dhiheessu Fakkeenya 17:17, [NW] dubbisuudhaan jalqabee, mataduree xiqqaa “Namicharratti Malee Dhukkubasaarratti Hin Xiyyeeffatin” jedhurraa yaada ijoo tokko tokko dhiheessa. Achiis mataduree xiqqaa “Dhaggeeffachuuf Of Qopheessi” jedhu jalatti keeyyata lammaffaarraa, akkasumas mataduree xiqqaa “Wanta Isa Barbaachisu Hubadhu” jedhu jalatti keeyyata lammaffaarraa dhimmawwan tokko tokko dhoksuun balaa akkamii akka qabu ibsi. Ibroota 13:18fi Efesoon 4:25 dubbisi. Ittaansuudhaan, gorsi fuula 15 keeyyata 5-7fi saanduqa fuula 16rratti kenname barbaachisaa ta’uusaa hubachiisi. Yaadawwan xumuraa mataduree sanarra jiraniin xumuri.
Daq. 7: Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Raabsuuf Qophaa’aa. Qabiyyee barruulee raabsamanii gabaabsitee erga ibsitee booda, matadureewwan xiyyeeffannaa namoota naannoo keessan jiranii hawwatan caqasi. Babal’isaan dargaggeessa ta’e tokko barruulee raabsuuf yeroo qophaa’u kan argisiisu hojiin argisiisi akka dhihaatu godhi.
Daq. 8: Saanduqa Gaaffii. Maree dhaggeeffattoota wajjin godhamu. Caqasawwan yaannisaanii hin kaa’amne dubbisaatii irratti mari’adhaa.