LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/10 ful. 1
  • Ani Lallabuuf Ga’eessadhaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ani Lallabuuf Ga’eessadhaa?
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Faanasaa Duukaa Bu’aa’
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Misiraachoon Lallabamaa kan Jiru Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Warra Kaan Leenjisuun Barbaachisaa Akka Taʼe Sitti Dhagaʼamaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Barsiisaa Ta’uu Dandeessa!
    Tajaajila Mootummaa—2008
Tajaajila Mootummaa—2010
km 1/10 ful. 1

Ani Lallabuuf Ga’eessadhaa?

1. Lallabuuf ga’eessa akka hin taane nutti dhaga’amuu kan hin qabne maaliifi?

1 Gaaffii akkasii of gaafattee kan beektu yoo ta’e, abdii hin kutatin! Tajaajilaaf ga’eessa kan nu taasisu, barumsa guddaa ykn dandeettii uumamaa adda ta’e miti. Bartoonni jaarraa jalqabaa tokko tokko “barumsa dheeraa kan hin qabne, kan hin beekamnes” akka ta’an ibsameera. Ta’uyyuu, fakkeenya Yesus hordofuuf murteessanii waan turaniif, misiraachicha lallabuurratti bu’a qabeeyyii turan.—HoE. 4:13; 1 Phe. 2:21.

2. Barumsi Yesus kan akkamii ture?

2 Akkaataa Yesus Itti Barsiise: Barumsisaa, salphaa, namoonni iddoo guddaa hin qabnellee hojiirra oolchuu kan danda’aniifi kan namaa galu ture. Gaaffiiwwan, fakkeenyawwaniifi yaadawwan seensaasaa, xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa kan harkisan turan. (Mat. 6:26) Namootatti jaalala dhugaa argisiiseera. (Mat. 14:14) Kana malees Yesus, hojiisaa akka raawwatuuf Yihowaan akka isa ergeefi akka isa muude waan beekuuf amanannaafi aangoodhaan dubbata ture.—Luq. 4:18.

3. Yihowaan tajaajila keenya akka raawwannu kan nu gargaaru akkamitti?

3 Yihowaan Nu Gargaara: Barsiisaan keenya inni Guddaan, karaa Dubbiisaafi jaarmiyaasaa, leenjii misiraachicha karaa bu’a qabeessa ta’een lallabuuf nu gargaaru nuu kenna. (Isa. 54:13) Yihowaan akkaataan Yesus itti barsiise akka barreeffamaan nuu kaa’amu waan godheef, mala inni itti barsiise qorachuufi hordofuu dandeenya. Yihowaan hafuurasaa nuu kenna; walga’iiwwan gumiitti fayyadamees nu leenjisa. (Yoh. 14:26) Akkasumas, babal’istoota muuxannoo qabaniifi caalaatti bu’a qabeessa ta’uuf nu gargaaran nuu kenneera.

4. Warra kaanitti misiraachicha himuuf ga’eessa akka taane nutti dhaga’amuu kan danda’u maaliifi?

4 “Hammi danda’aa keenyaa Waaqayyo biraa” waan ta’eef, lallabuuf ga’eessota akka taane nutti dhaga’amuu danda’a. (2 Qor. 3:5) Yihowaatti yoo amanamneefi qophii jaalalaa inni nuu godhetti akka gaariitti yoo fayyadamne, ‘waa gochuu kan dandeenyuufi hojii gaarii hundumaaf kan qophoofne’ taana.—2 Xim. 3:17.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi