Torban Amajjii 11 Jalqabu
TORBAN AMAJJII 11 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
lv boq. 1 key. 10-18fi saanduqa ful. 13rra jiru
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Iya. 21-24
Lak. 1: Iya. 24:1-13
Lak. 2: Waaqayyo, Waaqa Namaa Hin Yaanneefi Gara-Jabeessadhaa?
Lak. 3: Maatiirra Rakkoon Ga’aa Jira (fy ful. 1-9 key. 1-14)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 15: Namoota Macaafa Qulqulluu Qayyabsiistan Akkamitti Akka Qayyabatan Itti Argisiisaa. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula 28-31, mataduree xiqqaa “Akkamitti Akka Qayyabatamu” jedhurratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Babal’isaan muuxannoo qabu tokko, barumsa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu fuula 7rra jirutti fayyadamee nama haaraa Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu tokkotti qayyabannaasaatiif akkamitti akka qophaa’u yeroo itti argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu gochuudhaan jalqabi.
Daq. 15: “Ani Lallabuuf Ga’eessadhaa?” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata 4rratti erga mari’attanii booda, babal’isaa tokko akkas jedhii gaafadhu: Karaa bu’a qabeessa ta’een lallabuuf gufuuwwan akkamii mo’uun si barbaachiseera? Tajaajilaa hinaaffaa qabuufi bu’a qabeessa ta’e akka taatu gargaarsa akkamii argatteetta?