Barsiisaa Ta’uu Dandeessa!
1. Mirgi guddaan babal’istoonni Mootummichaa hundi qaban maalidha?
1 Eebba guddaa tajaajilli argamsiisu keessaa tokko namoota dhugaa barsiisuudha. Namni tokko ergaa Mootummichaa yeroo fudhatu arguufi Bulchaa Olaanaa uumama cufaatti akka dhihaatuuf gargaaruun mirga guddaadha. (Yaq. 4:8) Babal’istoonni Mootummichaa hundi galmisaanii, nama dhugaa dheebote tokko barsiisuu, namummaa, ilaalchaafi amalasaarratti jijjiirama barbaachisu akka godhu gargaaruu ta’uu qaba.—Mat. 28:19, 20.
2. Obboloonni tokko tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu kan seesan maaliifi? Rakkina kana mo’uuf kan isaan gargaaru maalidha?
2 Yihowaatti Amanami: Namoonni amanamoon bara durii, hojii Yihowaan akka hojjetan isaanii kenne hojjechuuf ga’umsa akka hin qabne itti dhaga’amee ture. Musee, Ermiyaas, Amosiifi namoonni iddoon gadaanaa kennamaafii ture Yihowaatti amanamuunsaanii, shakkii ykn sodaa itti dhaga’ame akka mo’aniifi hojii guddaa isaanii kenname akka raawwatan gargaareera. (Bau. 4:10-12; Er. 1:6, 7; Amo. 7:14, 15) Phaawulosiifis ‘ija jabinni’ kennameefii ture. Akkamitti? Kana gochuu kan danda’e gargaarsa “Waaqayyo keenya” biraa argateen akka ta’e ibseera. (1 Tas. 2:2) Hundi keenya gargaarsa, ogummaafi humna qayyabannaa Macaafa Qulqulluu bu’a qabeessa ta’e geggeessuuf nu dandeessisu akka nuu kennu Yihowaatti amanamuu dandeenya.—Isa. 41:10; 1 Qor. 1:26, 27; 1 Phe. 4:11.
3, 4. Dubbii Waaqayyoo barsiisuuf ga’umsa akka qabaannuuf leenjiin akkamii nuu qophaa’eera?
3 Leenjii Fudhadhu: Yihowaa Barsiisaa Guddichi, leenjii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e yeroo yeroon waan nuu kennuuf, barsiisaa ga’umsa qabu ta’uu dandeenya. (Isa. 54:13; 2 Xim. 3:16, 17) Beekumsa Caaffata Qulqullaa’oo guddifachuufi dandeettii dhugaa Macaafa Qulqulluu ittiin barsiistu fooyyeffachuuf, leenjii sii kennamu kanarraa guutummaatti fayyadami. Kun kaayyoo Mana Barumsa Tajaajilaa Ti’okraasiifi Walga’ii Tajaajilaa ta’us, walga’iiwwan gumii hundi Dubbii Waaqayyoo barsiisuuf nu leenjisu.
4 Dhugaawwan hafuuraa warra gad fagoo ta’an karaa salphaa ta’een barsiisuuf carraaqi. Kitaabni Mana Barumsaa Tajaajila Ti’okraasii ful. 227rratti, “Barumsisaa namoota si dhaggeeffataniif ifa akka ta’u yoo barbaadde, dura siif ifa ta’uu qaba” jedha. Walga’iiwwanirratti yaada kennuun qabxiiwwan ijoo gara fuulduraatti itti fayyadamnu yaadachuuf nu gargaara. Kanaaf akka gaariitti qophaa’i, amanannaan dandeettii namoota barsiisuuf qabdus sii guddata.
5. Dandeettii barsiisuu keenya fooyyeffachuuf gumiitii leenjiiwwan dabalataa akkamii arganna?
5 Tajaajiltoonni Kiristiyaanaa hojii bartoota taasisuurratti si’a waliin hirmaatan walirraa akka baratan beekamaadha. (Luq. 10:1) Danda’amnaan, qajeelchitoota, jaarsolii, daawwattoota olaanaa dabalatee babal’istoota muuxannoo qabanii wajjin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu isaan geggeessanirratti argami. Fakkeenyota ykn wantoota biroo barreeffamoota ittiin qayyabsiisnurra jiranitti fayyadamanii dhugaa Caaffata Qulqullaa’aa akkamitti akka ibsan hubachuuf yaali. Barsiisaa gaarii ta’uu akkamitti akka dandeessu akka yaada sii kennan gaafadhu. (Fak. 1:5; 27:17) Kun karaa Waaqayyo leenjii itti kennu keessaa tokko waan ta’eef, leenjii obbolootarraa argattu hundaaf galateeffadhu.—2 Qor. 3:5.
6. Barsiisaa Dubbii Waaqayyoo ta’uuf wanti baay’ee barbaachisaa ta’e maalidha?
6 Yihowaatti amanami, leenjii inni kennu hundaattis fayyadami. Guddina argisiisuuf kadhannaa godhi. (Far. 25:4, 5) Atis gammachuu namoonni barsiisota Dubbii Waaqayyoo akka ta’an gargaaruun argamu dhandhamuu dandeessa!