Torban Guraandhala 15 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 15 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Abo. 15-18
Lak. 1: Abo. 16:1-12
Lak. 2: Namni Tokko Iddoo Lafa Jalaa Isa Macaafa Qulqulluurratti Ibsame Keessaa Ba’uu Ni Danda’aa? (rs ful. 171 key. 1-3)
Lak. 3: Yesus Diiyaabilosiin “Abbaa Sobaa” Jedhee Kan Waame Maaliifi? (Yoh. 8:44)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 15: Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Raabsuuf Qophaa’aa. Qabiyyee barruulee raabsamaa jiranii gabaabsii ibsiitii, keessumaa naannoo tajaajilaa keessanitti matadureewwan xiyyeeffannaa namootaa harkisan caqasi. Babal’isaan tokko barruulee raabsuuf yeroo qophaa’u ofhaasiidhaan akka dhihaatu godhi. Matadureewwan naannoo tajaajilaa sanaaf gaarii ta’an ni filata, gaaffii qopheeffata, caqasa dubbisus ni filata. Achii, akkaataa dhiheenyaa barruu lamaaniifuu ta’u shaakala.
Daq. 15: “Kottuu Ana Duukaa Bu’i!” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Maree erga xumurtanii booda, yaada kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula 70rra jirutti fayyadamuudhaan, yaada walga’ii gumiirratti kenninu ilaalchisee yaadachiisa barbaachisaa ta’e kenni.