“Kottuu Ana Duukaa Bu’i!”
1. Fakkeenya Yesus hordofuuf carraa adda ta’e kan nuu banu maalidha?
1 Seenaan Wangeelota arfanirraa jiru, waa’ee jireenya Yesus isa lafarraa odeeffannoo baay’ee kenna. Kiristiyaanonni ‘faana isaa duukaa bu’uu’ waan qabaniif, kallattiiwwan jireenyaa Yesus tajaajilarratti nu jajjabeessaniif xiyyeeffannaa addaa kennuun keenya barbaachisaadha.—1 Phe. 2:21; Mar. 10:21.
2. Obsaan danda’uu ilaalchisee fakkeenyi Yesus nu fayyaduu kan danda’u akkamitti?
2 Yesus Fakkeenya Ta’a: Yommuu manaa gara manaatti tajaajiltu, deebiin gaarii hin taane si mudatee beekaa? Mormiin akkasii yommuu nu mudatu wanti Yesus, “Kanaaf na ari’atanii yoo jiraatan isinis in ari’atu” jechuudhaan dubbate dhugaa ta’uusaa hubanna. (Yoh. 15:20) Deebiin gaarii hin taane hundi ari’atamadha jechuu akka hin taane beekamaadha. Yesus qorumsawwan isa mudatan hunda akka danda’u kan isa gargaare, gammachuu fuuldurasaatii isa eeggatu ture. Nutis fudhatama Yihowaa biratti argannuufi badhaasa inni amanamoo taanee argamuu keenyaaf nuu kennurratti xiyyeeffachuu dandeenya. Kunis ‘dadhabnee yaanni keenya akka hin laafne’ nu gargaara. (Ibr. 12:2, 3; Fak. 27:11) Tajaajila keenyatti ciminaan yommuu itti fufnu, gargaarsa Yesus Kiristos akka argannus mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Mat. 28:20.
3. Ilaalcha Yesus tajaajilaaf qabu hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
3 “Kanaaf Anuu Ergame”: Hojiin Mootummicha labsuu jireenya Yesus keessatti iddoo guddaa qaba ture. (Luq. 4:43) Kanaaf, tajaajilaaf guutummaatti of kennee ture. Tajaajilasaa ariitiidhaan kan raawwatu ta’uusaarrayyuu, yeroo hundaa carraa itti waa’ee Mootummichaa dubbatu barbaada ture. Duuka buutota Yesus waan taaneef, fakkeenyasaa hordofuun keenya maal gochuuf nu kakaasa? Hojii keenya guyyaa guyyaa yommuu raawwannu, namoonni misiraachicha lallabuufii dandeenyu jiruu? Jaalalli inni Kiristos argisiise, hamma dandeenye bal’inaan akka dhugaa baanu nu haa kakaasu.—2 Qor. 5:14.
4. Karaawwan kamiin tajaajila keenya caalaatti fooyyessuu dandeenya?
4 “Akka Namicha Kanaatti Takkaa Namni Dubbatee Hin Beeku”: Akkaataan Yesus itti barsiise dhaggeeffattootasaa ajaa’ibsiisee ture. (Yoh. 7:46; Mat. 7:28, 29) Wanti Yesusiin barsiisota kaanirraa adda isa godhe maalidha? Dhugaa barsiisuufi namoota barsiisu kan jaallatu ta’uusaarrayyuu, malawwan addaddaatti fayyadamee barsiisa ture. Fakkeenya Barsiisaa isa Guddichaa hordofuudhaan tajaajila keenya caalaatti fooyyessuu dandeenya.—Luq. 6:40.
5. Duuka buutota Kiristos waan taaneef galmi keenya maali ta’uu qaba?
5 Wantoonni kun wantoota gati jabeeyyii jireenya Yesusirraa barannu keessaa muraasasaaniiti. Kan biraahoo maal barachuu dandeenya? Jireenya Yesus yommuu qortan, wanta inni dubbateefi wanta inni raawwate hordofuudhaan, ‘jaalala Kiristos beekuuf’ galma baafadhaa.—Efe. 3:19.