Torban Guraandhala 22 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 22 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Abo. 19-21
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Barreeffama Bitootessatti Raabsamu. Babal’istoonni lama, barreeffama ji’a kanatti raabsamurraa yaada faayidaa qabeessa ta’e akka dubbataniifi akkaataan dhiheenyaa naannoo tajaajilaa sanatti bu’a qabeessa ta’ee argatan kam akka ta’e akka ibsan gaafadhu. Barreeffama sanatti fayyadamanii qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuu ilaalchisee, lamaanuu hojiin argisiisa akka dhiheessan ykn muuxannoo argatan tokko hojiin argisiisaan akka dhiheessan godhi.
Daq. 10: Akkaataan Sababii Itti Dhiheessinu, Namoonni Akka Dhaggeeffatan Kakaasa. Haasaa kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula 251 hanga fuula 253, keeyyata 2rratti hundaa’ee dhihaatu.
Daq. 10: Namoota Fedhii Qaban Jaarmiyaa Yihowaa Wajjin Wal Barsiisuu. Kitaaba Fedha Waaqayyoo Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamurraa keeyyatoota sadan fuula 99rra jiranirratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni, namoota fedhii qaban jaarmiyaa Yihowaa wajjin kan wal barsiisan akkamitti akka ta’e gaafadhu. Babal’isaa obboleessi Macaafa Qulqulluu isa barsiise akkas gochuusaatiin fayyadameef gaafannoo godhi.