Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Guraandhala 22, 2010 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barumsawwan torban Amajjii 4 jalqabee hanga Guraandhala 22, 2010tti dhihaatanirratti hundaa’ee irra deebicha daqiiqaa 20f geggeessa.
1. Wantoonni Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamte utuu hin dhaalin akka turan isaan godhan tokko tokko maalfa’i? Nutoo kanarraa maal barachuu dandeenya? (Iya. 18:2, 3) [it-1 ful. 359 key. 5]
2. Iyaasuun yaada Iyaasuu 24:14, 15rra jiru dubbachuuf kan isa kakaase maal akka ta’e mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? Kunoo maal gochuuf nu kakaasuu qaba? [w08 5/15 ful. 17-18 key. 4-6]
3. Waaqeffattoonni Ba’aaliifi akkaataan waaqeffannaasaanii Israa’elootatti kiyyoo kan ta’eefi kan isaan gowwoomse akkamitti? (Abo. 2:3) [w08 2/15 ful. 27 key. 2-3]
Akkaataa Ehud ija jabinaan billaatti fayyadamerraa barumsa maalii argachuu dandeenya? (Abo. 3:16, 21) [w97 3/15 ful. 31 key. 4]
5. Yihowaan Giidewoniifi loltootasaa 300 akkamitti akka oolche yeroo qayyabannu, jajjabina akkamii arganna? (Abo. 7:19-22) [w05 7/15 ful. 16 key. 8]
6. Yihowaan ‘rakkina Israa’elirra ga’eef kan gadde’ karaa kamiini? (Abo. 10:16) [cl ful. 305 key. 10-11]
7. Yiftaan yeroo wareega wareege nama aarsaa gochuuf yaadee turee? (Abo. 11:30, 31) [w05 1/15 ful. 26 key. 1]
8. Humni Siimson dhugumaan daabee mataasaa keessa jira turee? (Abo. 16:18-20) [w05 3/15 ful. 28 key. 5-6]
9. Gocha dinqisiisaa Siimson akka raawwate Abboota Firdii 16:3rratti ibsamerraa barumsa maalii arganna? [w04 10/15 ful. 15, key. 7-8]
10. Lubbuu namaa ilaalchisee yaada Abboota Firdii 16:30rraa [NW] jirurraa maal baranna? [w90 9/1 ful. 5 key. 5; sp ful. 13-14]