Torban Bitootessa 1 Jalqabu
TORBAN BITOOTESSA 1 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
lv boq. 4 key. 1-11
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Rut. 1-4
Lak. 1: Rut. 3:1-13
Lak. 2: Oo’a-Qabeessa Ta’uun Kan Nu Fayyadu Akkamitti? (Mat. 5:7)
Lak. 3: Dura Eenyummaakee Beekuufi Ilaalcha Sirrii Qabaachuu Kan Qabdu Maaliifi? (fy ful. 16-18 key. 7-10)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu. Guyyaan namoonni qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqaban itti afeeramu yoom akka ta’e beeksisi. Muuxannoowwan nama jajjabeessan dubbadhu; achiis, babal’isaan tokko yaadawwan seensaa naannoo tajaajilaa keessanitti bu’a qabeessa ta’anii argate akka dubbatu gaafadhu. Babal’isaan kun, akkaataa dhiheenyaa fuula 12rra ykn kitaaba Ragaa Dhiheessuurratti mataduree “Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu” jedhu jala jiru keessaa tokko fayyadamee hojiin argisiisa akka argisiisu godhi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Tajaajilarratti Waan Dubbannutti Akka Amannu Argisiisuun Kan Barbaachisu Maaliifi? Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, fuula 194-196rratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.