Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Ebla 26, 2010 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barumsawwan torban Bitootessa 1 jalqabee hanga Ebla 26, 2010tti dhihaatanirratti hundaa’ee irra deebicha daqiiqaa 20f geggeessa.
1. Naa’omiin “erga Waaqayyo ana harkatti qabee, inni hundumaa danda’us waan hamaa anatti fide” yeroo jettu maal jechuushee ture? (Rut. 1:21) [w05 3/1 ful. 27 key. 1, 3]
2. Ruut “dubartii ba’eettii” akka taatu kan ishee godhan amalawwan akkamii turan? (Rut. 3:11) [w05 3/1 ful. 28 key. 6]
3. Jechi Elqaanaan “dhugumaan ani ilmaan kudhan irra siif hin wayyuu ree?” jechuudhaan dubbate, haadha manaasaa kan jajjabeesse akkamitti? (1 Sam. 1:8) [w90 3/15 key. 27 key. 5-6]
4. Israa’eloonni mootiin akka isaaniif moosifamu gaafachuunsaanii dogoggora kan ture maaliifi? (1 Sam. 8:5) [w05 9/15 ful. 20, key. 17; it-2 ful. 163 key. 1]
5. Saamu’el, hamma ‘dulloomee harrii baasutti’ namootaaf kadhachuu ilaalchisee fakkeenya ta’uusaa kan mirkaneesse akkamitti? Kunoo maal ibsa? (1 Sam. 12:2, 23) [w07 6/1 ful. 29 key. 14-15]
6. Saa’ol warra Qenootaatiif xiyyeeffannaa addaa kan kenne maaliifi? (1 Sam. 15:6) [w05 3/15 ful. 23 key. 1]
7. Saa’ol, Daawitiin, “Dargaggeessa nana! Ati ilma eenyuu ti?” jedhee gaafachuuf kan isa kakaase maalidha? (1 Sam. 17:58) [w07 8/1 ful. 31 key. 3, 5]
8. Wanta Daawiti yeroo rakkinni cimaan Gaatitti isa mudate godherraa barumsa maalii argachuu dandeenya? (1 Sam. 21:12, 13) [w05 3/15 ful. 24 key. 5]
9. Yonaataan, yeroo Daawit isa michuusaa ture gargaaruufi jajjabeessuun barbaachisaa ta’etti, jaalalaafi amala gadi of deebisuu akka qabu kan mul’ate akkamitti? (1 Sam. 23:17) [lv ful. 28 key. 10, miiljalee]
10. Saa’ol dubartii eker dubbistuu Endoor sana bira dhaquusaarraa barumsa maalii arganna? (1 Sam. 28:8-19) [w05 3/15 ful. 24 key. 8]