LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/10 ful. 1
  • ‘Wangeelli Mootummaa Kun In Lallabama’!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Wangeelli Mootummaa Kun In Lallabama’!
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tajaajila Keessan Guutummaatti Raawwachaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • “Dhaqaatii . . . Saba Hundumaa Keessaa Namoota Barattoota Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • ‘Dubbii Waaqayyoo Ija Jabinaan Dubbadhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • “Hojicha Isa Karaa Gooftaa Fudhatte Sana” Raawwadhu!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2010
km 5/10 ful. 1

‘Wangeelli Mootummaa Kun In Lallabama’!

1. Wanti tokkoyyuu hojii lallabaa dhaabsisuu akka hin dandeenye akkamitti beekna?

1 Wanti Yihowaan fedhasaa akka hin raawwanne dhowwuu danda’u tokkollee hin jiru. (Isa. 14:24) Abbaa Firdii kan ture Giidewoniifi namootasaa 300f, loltoota Miidiyaan 135,000 ta’an injifachuun ulfaataa fakkaatus, Yihowaan, “Israa’elin harka warra Miidiyaan jalaa akka baaftuuf ani si ergeera?” jedheenii ture. (Abo. 6:14) Yeroo ammaatti hojiin deggersa Yihowaa qabu isa kamidha? Yesus, “Wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama” jedheera. (Mat. 24:14) Eenyuyyuu hojiin kun akka hin raawwatamne dhowwuu hin danda’u!

2. Yihowaan tajaajilarratti dhuunfaatti akka nu gargaaru eeguu kan dandeenyu maaliifi?

2 Yihowaan Dhuunfaatti Nu Gargaara: Yihowaan walumatti qabaatti Dhugaa Baatotasaa akka gargaaru kan amannu ta’us, dhuunfaatti nu gargaara jennee eeguu dandeenyaa? Phaawulos ergamaan, yeroo isa barbaachisutti Yihowaan karaa Ilmasaa Yesus Kiristos isa gargaareera. (2 Xim. 4:17) Yihowaan carraaqqii nuyi jaalalasaa raawwachuuf goonus akka eebbisu amanamuu ni dandeenya.—1 Yoh. 5:14.

3. Yihowaan haalawwan akkamii keessatti nu gargaara?

3 Yaaddoon jireenyaa hirmaannaa tajaajilarratti gootu si jalaa hir’iseraa? “Inni warra dadhabaniif humna in kenna.” (Isa. 40:29-31) Ari’atamni ykn mormiin sirra ga’aa jiraa? “Wanta yaada sitti ta’u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa!” (Far. 55:22) Al tokko tokko amanannaa akka hin qabne sitti dhaga’amaa? “Ati dhaqi, ani immoo akka ati dubbattuuf sin gargaara!” (Bau. 4:11, 12) Dhibee fayyaa hirmaannaa tajaajilarratti gootu si jalaa daangessu qabdaa? Yihowaan, carraaqqii ati garaa keetii gootu hammam xinnoo ta’ullee ni dinqisiifata; ittis ni fayyadama.—1 Qor. 3:6, 9.

4. Yihowaatti amanamuun faayidaa maalii nuuf argamsiisa?

4 Harki Yihowaa “ol fuudhameera, eenyutu isa gad deebisa ree?” (Isa. 14:27) Inni tajaajila keenya akka eebbisu amanamuudhaan, utuu gargar hin kutin “aangoo Yihowaatiin ija jabummaadhaan” lallabuu keenya itti haa fufnu.—HoE. 14:3, NW.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi