Torban Waxabajjii 28 Jalqabu
TORBAN WAXABAJJII 28 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: 1 Mot. 3-6
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 15: Ji’a Adoolessaatti Barruulee Raabsuuf Qophaa’uu. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Daqiiqaa tokko ykn lama fudhadhuutii qabiyyee barruulee kanaa ibsi. Achiis mataduree lama ykn sadii filadhuutii, dhaggeeffattoonni gaaffiifi caqasa itti fayyadamuuf karoorfatan akka dubbatan afeeri. Maxxansi lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisa gara biraa, yeroo deddeebiin gaaffii godhamu akkamitti qayyabannaa jalqabsiisuun akka danda’amu argisiisuun xumuri.—km 8/07 ful. 6 ilaali.
Daq. 15: Xinnummaasaatii Kaasee Leenjifameera. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Ximotewos lallabaa Wangeelaa hinaaffaafi dandeettii guddaa qabu ta’uudhaan beekama ture. (Filp. 2:20-22) Kun ta’uusaatiif hamma tokko kan gargaare, haatisaafi akkoonsaa xinnummaasaatii kaasanii karaa hafuuraa bu’uura kan isaaf kaa’an ta’uusaaniiti. (2 Xim. 1:5; 3:15) Yaadawwan armaan gadii Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’an, warri ijoolleensaanii labsitoota Wangeelaa gaarii akka ta’an leenjisuuf isaan gargaaru. (1) Hamma danda’ametti ijoollummaasaaniitii kaasaatii tajaajila isaan qabadhaa ba’aa; hamma umriifi dandeettiinsaanii isaaniif heyyamee akka hirmaatan isaan leenjisaa. (Fak. 22:6) (2) Tajaajilaaf dursa kennuudhaan fakkeenya gaarii ta’aa. (Filp. 1:9, 10) (3) Yeroo Waaqeffannaa Maatii gootaniifi yeroo biraatti, hojii lallabaatiif jaalalaafi dinqisiifannaa akka qabaatan godhaa. (Kes. 6:6, 7) (4) Tajaajilaaf ilaalcha gaarii qabaadhaa; waa’eesaas waan nama jajjabeessu dubbadhaa. (Filp. 3:8; 4:8; 1 Xim. 1:12) (5) Maatii keessanii wajjin tajaajilarratti hirmaachuu amaleeffadhaa. (HoE. 5: 41, 42) (6) Tajaajiltoota hinaaffaa qaban michoota godhadhaa. (Fak. 13:20) Tajaajila akka jaallataniifi bu’a qabeeyyii akka ta’aniif warrisaanii akkamitti akka isaan gargaaran ilaalchisee dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri.