Torban Adoolessa 19 Jalqabu
TORBAN ADOOLESSA 19 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
lv boq. 9 key. 13-21, saanduqa ful. 104
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: 1 Mot. 12-14
Lak. 1: 1 Mot. 12:12-20
Lak. 2: Akka Yihowaan Ilaalutti Obboloota Keenya Ilaaluuf Kan Nu Gargaaru Maalidha?
Lak. 3: Akka Gaariitti Waliin Haasa’uu Jechuun Maal Jechuudha? (fy ful. 35-8 key. 20-6)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Karaawwan Tajaajilakee Bal’ifachuu Itti Dandeessu—Kutaa 2. Haasaa kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu fuula 112, keeyyata 3 hanga fuula 113, keeyyata 2rratti hundaa’ee dhihaatu. Qajeelchaa ta’uuf sagantaasaaniirratti sirreeffama gochuu kan danda’an akkamitti akka ta’e qajeelchaa tokkoof ykn lamaaf gaafannoo godhi.
Daq. 10: Barumsa Waggaa Ittaanuuf Qophaa’uu. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni rakkoowwan dargaggoota mana barumsaatti mudatan tokko tokko akka dubbatan afeeri. Warri, ijoolleesaanii qorumsa mana barumsaatti isaan mudatu mo’uufi waa’ee amantiisaanii ibsuu akka danda’an qopheessuuf, Indeeksii, kitaaba Gaaffii Dargaggootaafi barreeffamoota kaan yeroo Waaqeffannaa Maatii godhan akkamitti itti fayyadamuu akka danda’an ibsi. (1 Phe. 3:15) Mataduree tokko ykn lama filadhuutii, odeeffannoo gaarii barreeffamoota keenyarra jiru tokko tokko dubbadhu. Dhaggeeffattoonni yeroo mana barumsaa turanitti akkamitti dhugaa ba’uu akka danda’an yaada akka kennan afeeri.
Daq. 10: “Hirmaannaa Ga’aa Gochaan Jiraa?” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.