Torban Onkoloolessa 11 Jalqabu
TORBAN ONKOLOOLESSA 11 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
lv boq. 13 key. 1-4, saanduqa ful. 148-149, 158-159
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: 1 Sen. 5-7
Lak. 1: 1 Sen. 6:31-47
Lak. 2: Fakkiiwwan Waaqa Dhugaa Waaqeffachuuf Meeshaa Ta’anii Tajaajiluu Danda’uu? (rs ful. 184 key. 4–8)
Lak. 3: Ilmaan Namaa Cubbamoon, Qulqulluu Ta’uu Kan Danda’an Akkamitti? (1 Phe. 1:16)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Deebii Deebisuu Kan Qabdan Akkamitti? Kitaaba Mana Barumsaa jedhamu ful. 69, key. 1-5rratti hundaa’ee mareedhaan kan dhihaatu. Hojiin argisiisni qajeelchaan tokko namni inni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu tokko, gaaffii dhimma murtoo dhuunfaa gochuu gaafatu tokko kaasee, “Haalli akkasii utuu si mudatee maal goota turte?” jedhee qajeelchaa kana gaafateef deebii yommuu kennu argisiisu akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Qulqullina Ofii Eeguun Waaqayyoof Ulfina Fida. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu ful. 137 key. 1 hanga ful. 138rratti hundaa’ee haasaadhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni qulqullinniifi uffannaan seera qabeessi Dhugaa Baatonni Yihowaa qaban, dhugaa akka fudhatan kan isaan gargaare akkamitti akka ta’ee yaada akka kennan gaafadhu.
Daq. 10: “Hin Sodaatinaa!” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.