Saanduqa Gaaffii
◼ Qajeelchitoota Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Waggaa tajaajilaa 2009tti addunyaa maratti obboloonni 800,000 ta’an qajeelchitootaafi qajeelchitoota addaa ta’anii tajaajilaniiru. Tajaajiltoonni yeroo guutuu kun, yeroosaanii, humnasaaniifi qabeenyasaanii isa duraa misiraachicha babal’isuuf itti fayyadamaniiru. (Fak. 3:9) Yihowaanis carraaqqii godhanitti baay’ee akka gammade beekamaadha. Nutoo ilaalcha Yihowaa qabaachuudhaan, obboloonni kun tajaajilasaaniirraa gammachuu akka argataniifi ciminaan akka itti fufan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
Jechoota filatamanitti fayyadamnee isaan jajjabeessuun keenya, qajeelchitoota ta’anii tajaajiluusaanii akka itti fufan akka isaan gargaaru beekamaadha. (Fak. 25:11) Torban keessatti isaanii wajjin tajaajiluuf sagantaa keenyarratti sirreeffama gochuu dandeenyaa? Yommuu isaanii wajjin tajaajillus, konkolaataasaaniitiin utuu hin ta’in konkolaataa keenyaan akka fayyadaman ykn baasii geejibaa akka isanii kaffallu yaada dhiheessuufii dandeenya. Konkolaataasaaniitti fayyadamna taanaanimmoo, baasiisaanii bakka buusuuf buusii qarshii gochuu dandeenya. (1 Qor. 13:5; Filp. 2:4) Kana malees, keessummummaa isaan simachuufi darbee darbee mana keenyatti nyaata isaan afeeruudhaan jaalalaan kakaanee akka isaan gargaarru argisiisuu dandeenya.—1 Phe. 4:8, 9.
Caaffanni Qulqullaa’oon, Yihowaan wanta namoota Mootummichaaf dursa kennan barbaachisu akka isaanii kennu nuu mirkaneessu. (Far. 37:25; Mat. 6:33) Karaa Yihowaan kana itti godhu keessaa inni tokko karaa obbolummaa Kiristiyaanotaati. (1 Yoh. 3:16-18) Qajeelchitoonni, warri kaan qarshii isaanii kennuuf dirqama qabu jedhanii eeguu akka hin qabne beekamaadha. Yommuu rakkatanis warri kaan waan tokko akka isaanii godhan itti hin himatan. Nuyi garuu wanta qajeelchitoota amanamamoo ta’an barbaachisu hubachuudhaan, ‘qaawwa dhaba isaanii duuchuuf’ isaan gargaaruu dandeenya.—2 Qor. 8:14, 15.
Jaarraa jalqabaatti Gumii Kanchre’aatti wangeelicha hinaaffaadhaan lallabaa kan turte Feebeen yommuu gara Roomaa adeemtu, Phaawulos “Isheenis kan gooftaa waan taateef simamsa warra Waaqayyoof qulqullaa’aniif ta’uun ishee simaa! Waan barbaachisu hundumaanis ishee gargaaraa!” jechuudhaan obboloota Roomaatiif barreesseera. (Rom. 16:1, 2) Nuyis jaalalaan kakaanee carraa argannetti fayyadamuudhaan, qajeelchitootaafi qajeelchitoota addaa gumii keenyatti argamaniifi yeroo hunda misiraachicha lallaban akka gargaarru argisiisuu dandeenya.—HoE. 5:4.