Qajeelchaa Ta’anii Tajaajiluudhaan Eebba Argamu
1 “Namoota garabiraadhaaf dhugaa hiruudhaan gammachuun argadhe kana, hojii garabiraan kan naaf argamsiisuu danda’u akka hin jirre beeka” jechuudhaan qajeelchaan tokko dubbateera. Qajeelchituun tokkommoo, “Dhuma guyyaa hundaatti hirriiba gaariin rafa, onneen koos gammachuudhaan guutama” jetteetti. Wanti qajeelchitoonni dubbatan kun, obboloota eebba qajeelchaa ta’uudhaan argamu dhandhamatan hundatti kan dhaga’amudha.—Fak. 10:22.
2 Beekumsa Sagalee Waaqayyoo lubbu baraarsaa ta’e namootaaf hiruun gammachuu dhugaa namaaf argamsiisa. (HoE. 20:35; 1 Tas. 2:19, 20) “Namoonni haala jireenyaasaanii akka jijjiiran kakaasuudhaaf humna sagaleen Waaqayyoo qabu arguun kan nama gammachiisuufi amantii namaa cimsudha” jechuudhaan obboleessi yeroo dheeraadhaaf qajeelchaa ta’e tokko dubbateera. Dhugumaaniyyuu, qayyabannaa Macaafa qulqulluu geggeessuufi namoota kaan gargaaruudhaaf ofqopheessuudhaan qajeelchitoonni eebbawwan kana fakkaatan argachuu danda’aniiru.
3 Yihowaatti Amanamuu: Yeroo hunda qajeelchitoonni tajaajilasaanii raawwachuuf akka isaan dandeessisu, hafuura Waaqayyootti amanamuunsaanii “Ija hojii hafuuraa” horachuufi eegumsa argachuuf isaan gargaara. (Gal. 5:16, 22, 23) Kanamalees, qajeelchitoonni yeroo hunda sagalee Waaqayyootti waan gargaaramaniif, dhugaadhaaf ragaa dhiheessuufi warra kaan jajjabeessuuf caqasawwaniin akkamitti akka fayyadaman ni beeku. (2 Xim. 2:15) Obboleessi waggoota kurnaniif qajeelchaa ta’e tokko, “Qajeelchaa ta’uu kootiin Macaafa qulqulluu gadifageenyaan akkan hubadhu nagargaareera; beekumsan argadhe kanaanis namoonni baay’een Yihowaafi kaayyoosaa akka beekan gargaareera” jechuudhaan dubbateera. Hangam kan nama kiisuudhaa!
4 Qajeelchitoonni yeroo hundaas karaa baay’eedhaan Yihowaatti amanamuu qabu. Wanta jireenyaaf isaan barbaachisu argachuuf carraaqqii godhan akka eebbisu yeroo argan amantiinsaanii ni jabaata. Obboleessi umuriinsaa waggaa 72 ta’efi qajeelchaa ta’ee waggaa 55 tajaajile tokko “Yihowaan tasumaa nagatee hin beeku” jedheera. Kanamalees qajeelchitoonni jireenyasaanii salphaa gochuudhaan yaaddoo jireenyaarraa of eegu. Yaaddoo jireenyaarraa walaba ta’uun kan nama gammachiisuu mitii?—Mat. 6:22; Ibr. 13:5, 6.
5 Waaqayyotti Dhihaachuu: Walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnu waan hundarra guddaadha. (Far. 63:3) Jaalala cimaa Yihowaaf qabnuun kakaanee tajaajila keenya guutummaatti yoo raawwanne walitti dhufeenyi isaa wajjin qabnu ni jabaata. (Yaq. 4:8) Obboleessi waggoota 18 ol qajeelchaa ta’e tokko, “qajeelchaa taanee tajaajiluun keenya, uumaa keenyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka hundeeffannu kan nudandeessisu waan ta’eef, ‘Gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta’e, miyeeffannee akka laallu’ nudandeessisa” jechuudhaan dubbateera.—Far. 34:8.
6 Qajeelchitoonni tajaajilasaaniitiif haala mijeessuu dabalatee, amantii cimaa qabaachuu, akkasumas Waaqayyoofi ollaawwansaaniitiif jaalala dhugaa argisiisuufi aarsaa godhanii ofdhiheessuuf fedhii qabaachuu qabu. (Mat. 16:24; 17:20; 22:37-39) Bakka hundatti fuula ifaa qajeelchitootaa arguun keenya, eebbi isaan argatan hunda caalaa ta’uusaa argisiisa. (Mil. 3:10) Eebbiwwan kun qajeelchitoota biratti qofa kan daangeffamanii miti; maatiinsaaniifi gumiinsaanis hafuurasaan argisiisanirraa faayidaa guddaa argatu.—Filp. 4:23.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1, 2. Eebbiwwan qajeelchaa ta’anii tajaajiluu wajjin walitti dhufeenya qaban maalfa’ii? Maaliifoo?
3, 4. Qajeelchaa ta’uun namni tokko Yihowaatti akka amanamu kan barsiisu akkamitti? Kunoo karaa hafuuraa guddachuuf kan gargaaru akkamittii?
5. Qajeelchaa ta’uun Yihowaatti dhihaachuuf kan gargaaru akkamitti?
6. Qajeelchitoonni amala akkamii qabaachuu qabuu? Isaanin alahoo eenyufa’itu faayidaa argachuu danda’a?