Qophii Maatiiwwan Gargaaruuf Godhame
1. Guyyaan Sanbataa torban torbaniin kabajamu maatii Israa’elootaa kan fayyade akkamitti?
1 Guyyaa Sanbataa ayyaaneffachuun, qophii Yihowaan jaalalaan kaka’ee maatiiwwan fayyaduuf godhedha. Guyyaa kanatti Israa’eloonni hojii hojjetanirraa boqochuudhaan, gaarummaa Yihowaafi walitti dhufeenya isaa wajjin qabanirratti yaaduuf yeroo argatu turan. Maatiiwwan carraa kanatti fayyadamuudhaan ijoolleesaanii seera Yihowaa barsiisuu danda’u turan. (Kes. 6:6, 7) Qophiin Sanbataa, sabni Yihowaa torban torbaniin jireenya hafuuraasaaniirratti xiyyeeffachuuf akka yeroo argatan kan isaan gargaaru ture.
2. Qophiin Sanbataa waa’ee Yihowaa maal nu barsiisa?
2 Yihowaan maatiiwwan yeroo ammaatti argaman guyyaa Sanbataa akka kabajan akka irraa hin eegne beekamaadha. Haata’u malee, seerri sun waa’ee Waaqa keenyaa waan nu barsiisu qaba. Yihowaan, yeroo hunda nageenya hafuuraa sabasaatiif baay’ee yaada. (Isa. 48:17, 18) Yeroo har’aatti, karaa Yihowaan jaalalasaa nutti argisiisu keessaa inni tokko, Waaqeffannaa Maatii galgalaa nuu qopheessuusaati.
3. Kaayyoon Waaqeffannaa Maatii galgalaa maalidha?
3 Kaayyoon Waaqeffannaa Maatii Galgalaa Maalidha? Amajjii 2009rraa eegalee Qayyabannaan Kitaabaa Gumii, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiifi Walga’ii Tajaajilaa wajjin fudhatamuu jalqabe. Sababiin sirreeffamni kun itti godhame inni tokko, maatiiwwan torban torbaniin waaqeffannaa maatiisaaniitiif galgala tokko ramadanii jireenya hafuuraasaanii guddifachuuf akka carraa argataniifidha. Maatiiwwan hundi, qayyabannaa maatiisaanii gara galgala qayyabannaa kitaabaa itti godhanitti akka dabarsan jajjabeeffamanii turan; danda’amnaan, yeroo kanatti utuu hin sardamin wanta maatichaaf fayyadurratti hundaa’anii Macaafa Qulqulluurratti mari’achuufi qayyabannaa gochuu danda’u.
4. Waaqeffannaan maatii sa’aatii tokkoof qofa godhamuu qabaa? Ibsi.
4 Walga’ii Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiirratti argamuuf, kafana uffachuuf, bakka walga’iin itti godhamu dhaquufi wantoota kana fakkaataniif yeroon nu barbaachisa ture. Walga’iin sa’aatii tokkoo kun, sa’aatii galgalaa guyyaa sanaa keessaa baay’eesaa kan nu jalaa fudhatu ture. Sirreeffamni kun waan nuu godhameef, maatiidhaan taanee galgala kana Yihowaa waaqeffachuuf itti fayyadamaa jirra. Kanaaf, yeroo Waaqeffannaa Maatii galgalaa keenya sa’aatii tokkoof qofa gochuu akka hin qabne nu yaadachiisa. Kanaa mannaa, wanta maatii keenyaaf barbaachisu tilmaama keessa galchuudhaan, yeroo hammamii ramaduu akka qabnu murteessuu qabna.
5. Maatiiwwan yeroo waaqeffannaasaanii guutuu mariidhaan dabarsuu qabuu? Ibsi.
5 Yeroo Waaqeffannaasaanii Guutuu Mariidhaan Dabarsuu Qabuu? Hiriyoonni gaa’elaafi maatiiwwan ijoolleesaanii wajjin Caaffata Qulqullaa’oorratti yommuu mari’atan wal jajjabeessu. (Rom. 1:12) Maatiinis walitti dhihaata. Kanaafuu, Waaqeffannaa Maatii galgalaasaaniirratti Caaffata Qulqullaa’oorratti mari’achuunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Haata’u malee, miseensonni maatii hundi dhuunfaatti qayyabachuufis yeroo ramaduu qabu. Fakkeenyaaf qayyabannaa maatii booda, maatichi utuu gargar hin ba’in, kophaa kophaatti qophii walga’ii gumiitiif godhan xumuruu ykn barruulee dubbisuusaanii itti fufuu danda’u. Maatiiwwan tokko tokko galgala waaqeffannaatiif ramadan sanatti televijiinii cufuudhaaf murteessaniiru.
6. Waaqeffannaan maatii akkamitti geggeeffamuu danda’a?
6 Waaqeffannaan Maatii Akkamitti Geggeeffamuu Danda’a? Waaqeffannaan maatii yeroo hundaa gaaffiifi deebiidhaan geggeeffamuu qaba jechuu miti. Maatiiwwan hedduun, Waaqeffannaan Maatii galgalaasaanii kan nama gammachiisu akka ta’u gochuuf, sagantaa walga’iiwwan gumii torban sana keessatti godhamanii wajjin wal fakkaatu baafatu. Waaqeffannaasaanii kutaa garaagaraatiin hiranii karaawwan addaddaatiin geggeessu. Fakkeenyaaf, Macaafa Qulqulluu waliin dubbisuu, kutaawwan walga’ii gumii keessaa hamma ta’e qophaa’uufi tajaajilaaf shaakala gochuu danda’u. Yaadawwan tokko tokko fuula 6rratti kennamaniiru.
7. Warri Waaqeffannaa Maatiisaaniirratti haalli akkamii akka jiraatu gochuuf yaaluu qabu?
7 Warri Waaqeffannaa Maatiisaaniirratti Haalli Akkamii Akka Jiraatu Gochuuf Carraaquu Qabu? Haalli jaalalaafi namatti tolu akka jiraatu yoo gootan maatiin keessan caalaatti barata. Haalli qilleensaa mijaa’aa yoo ta’e, manaa alattis qo’achuu dandeessu. Yoo barbaachise giddutti boqonnaa fudhadhaa. Maatiiwwan tokko tokko Waaqeffannaasaanii booda ni bashannanu. Maatiiwwan, Waaqeffannaa Maatiisaaniirratti ijoolleesaanii adabuufi isaanitti dheekkamu kan hin qabne ta’uyyuu, yeroo muraasa ramadanii amala gadhee ykn rakkina ijoolleensaanii qabaniif furmaata kennuu danda’u. Haata’u malee, dhimma dhunfaa mucaasaanii kaasanii obbolootasaa duratti isa qaanessuu mannaa, torban sana keessaa guyyaa biraatti dhuunfaatti isa haasofsiisuun ba’eessa ta’u danda’a. Haalli Waaqeffannaa Maatii itti godhattan goggogaafi kan namatti hin tolle utuu hin ta’in, gammachuu Waaqa waaqeffannuu kan calaqqisu ta’uu qaba.—1 Xim. 1:11.
8, 9. Mataawwan maatii qophii akkamii gochuun isaan barbaachisa?
8 Mataan Maatii Akkamitti Qophaa’uu Danda’a? Mataan maatii, maatiinsaa maal akka qayyabatuufi akkamitti akka qayyabatu murteessuudhaan dursee yoo qophaa’e maatichi akka gaariitti fayyadamuu danda’a. (Fak. 21:5) Abbaan manaa dhimma kana ilaalchisee utuu haadha manaasaa wajjin mari’atee gaarii ta’a. (Fak. 15:22) Kanaaf, mataa maatii kan taatan ijoolleen keessan maaltu akka qayyabatamu akka barbaadan darbee darbee maaliif hin gaafattan? Kana yoo gootan, fedhasaaniifi wanta isaan yaaddessu akka gaariitti hubachuu dandeessu.
9 Mataan maatii torban torbaniin qophii gochuurratti yeroo baay’ee dabarsuun isa hin barbaachisu. Maatiiwwan torban torbaniin sagantaawwan wal fakkaatan tokko tokko hordofuunsaanii akka isaan gammachiisu beekamaadha; kanaaf, mataan maatii yeroo hunda sagantaawwan haaraa qopheessuun isa hin barbaachisu. Haata’u malee, qayyabannaa sana booda, maatiinsaa gama hafuuraatiin wanta isa barbaachisu utuu hin irraanfatin wanta ittaansee qayyabatamu qopheessuunsaa gaariidha. Mataawwan maatii tokko tokko matadureewwan irratti mari’atan bakka maatiin salphaatti arguu danda’utti, jechuunis wanta akka firiijiirratti maxxansu. Kunis maatichi sagantaa sana hawwiifi gammachuudhaan akka eeggatu akkasumas yeroo itti qophaa’u akka argatu isa gargaara.
10. Warri kophaasaanii jiraatan yeroo Waaqeffannaa Maatii galgalaa akkamitti fayyadamuu danda’u?
10 Yoon Maatii Qabaachuu Baadhehoo? Kiristiyaanonni kophaasaanii jiraatan, yeroo Waaqeffannaa Maatii galgalaatti qayyabannaa dhuunfaa godhachuu danda’u. Sagantaan qayyabannaa dhuunfaa gaarii ta’e, Macaafa Qulqulluu dubbisuu, walga’iidhaaf qophaa’uu, akkasumas Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! dubbisuu kan dabalatudha. Babal’istoonni tokko tokko, sagantaawwan olitti caqasaman qayyabannaa dhunfaasaaniitti dabalanii fudhatu. Darbee darbees, babal’isaa ykn maatii tokko afeeruudhaan isaanii wajjin marii Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’eefi nama jajjabeessu gochuu barbaadu.
11, 12. Yeroo hunda Waaqeffannaa Maatii galgalaa gochuun faayidaa akkamii qaba?
11 Yeroo Hunda Waaqeffannaa Maatii Galgalaa Godhachuun Faayidaa Akkamii Qaba? Namoonni garaa guutuudhaan waaqeffannaa dhugaarratti hirmaatan caalaatti Yihowaatti dhihaatu. Maatiiwwanis waliin waaqeffachuunsaanii walitti dhufeenyasaanii cimsa. Abbaan manaafi haati manaa tokko eebbawwan Waaqeffannaa Maatii gochuudhaan argatan akkas jechuudhaan ibsaniiru: “Qajeelchitoota ijoollee hin qabne waan taaneef, yeroo Waaqeffannaa Maatii itti godhannu hawwiidhaan eegganna. Walii keenyaa wajjinis ta’e Abbaa keenya isa samii wajjin caalaatti akka walitti dhihaanne nutti dhaga’ama. Guyyaan qayyabachuuf sagantaa itti baafanne yommuu ga’u, ‘Mee tilmaami galgala har’aa maal qabna? Waaqeffannaa Maatii qabna!’ waliin jenna.”
12 Sagantaan waaqeffannaa maatii galgalaa maatiiwwan hojiin itti baay’atuufis faayidaa qaba. Haati qeenteen qajeelchituu taateefi ijoollee dhiiraa lama guddistu tokko akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Kanaan dura sirritti qayyabannaa maatii hin godhannu ture. Waanan dadhabuuf qayyabannaan keenya dabee darbee qofa godhama ture. Utuu walirraa hin kutin qayyabannaa gochuun na rakkisee ture. Kanaafuu, qophii Waaqeffannaa Maatii galgalaa waan nuu qopheessitaniif isin galateeffachuufan isinii barreesse. Yeroo ammaatti akka gaariitti qayyabannaa maatii godhachuufi faayidaa irraa argachuu dandeenyeerra.”
13. Maatiin keessan qophii kanarraa faayidaa maalirratti kan hundaa’edha?
13 Akkuma qophii Sanbataa, qophiin Waaqeffannaa Maatii galgalaas kennaa Abbaa keenya isa samiirraa nuu kennameefi maatii gargaaruu danda’udha. (Yaq. 1:17) Maatiin Israa’elootaa karaa hafuuraa faayidaa argachuunsaanii, haala qophii Sanbataa itti fayyadamanirratti kan hundaa’e ture. Haaluma wal fakkaatun, maatiin keenyas karaa hafuuraa faayidaa argachuunsaa, qophii Waaqeffannaa maatiif godhametti fayyadamuusaarratti kan hundaa’edha. (2 Qor. 9:6; Gal. 6:7, 8; Qol. 3:23, 24) Maatiin keessanis, akka gaariitti qophii kanatti yoo fayyadame akkuma faarfatichaa, “Waa’ee koof yoo ta’e garuu Waaqayyotti dhi’aachuun anaaf gaarii dha; yaa Waaqayyo gooftaa, hojii kee hundumaa himuudhaaf, ani da’oo si godhadheera” jechuu danda’a.—Far. 73:28.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]
Haalli Waaqeffannaa Maatii itti godhattan goggogaafi kan namatti hin tolle utuu hin ta’in, gammachuu Waaqa waaqeffannuu kan calaqqisu ta’uu qaba.
[Saanduqa fuula 6]
BAKKA DHIHOO KAA’AA
[Saanduqa fuula 6]
Yaadawwan Waaqeffannaa Maatii Galgalaatiif Ta’an Tokko Tokko
Macaafa Qulqulluu:
• Dubbisa Macaafa Qulqulluu torbanii keessaa muraasasaa waliin dubbisaa. Dubbisni Macaafa Qulqulluu kun kana gochuuf mijaa’aa yoo ta’e, abbaan tokko seenessaa ta’uudhaan warri hafanimmoo bakka warra kaanii bu’uudhaan seenaa kana dubbisuu danda’u.
• Dubbisa Macaafa Qulqulluu keessaa muraasasaa hojiin argisiisaan dhiheessaa.
• Boqonnaawwan Macaafa Qulqulluu dubbistan, dursanii akka dubbisaniifi gaaffii tokko ykn lama barreeffatanii akka qabatan miseensota maatii keessaniif ramadaa. Achiis waliin ta’aatii gaaffiiwwan hundaarratti qorannoo godhaa.
• Caqasa Macaafa Qulqulluu tokko waraqaarratti barreessitanii sammuutti qabachuufi ibsuuf yaalii godhaa. Waraqaawwan sana walitti sassaabaatii torban torbaniin caqasawwan hammamii qabachuu akka dandeessan hubachuu yaalaa.
• Dubbisa Macaafa Qulqulluu kaasseettiidhaan waraabame Macaafa Qulqulluurraa hordofaa dhaggeeffadhaa.
Walga’iiwwan:
• Kutaawwan walga’ii keessaa muraasa waliin qophaa’aa.
• Faarfannaawwan Mootummichaa torban itti aanutti gumiitti faarfataman shaakalaa.
• Maatii keessan keessaa namni tokko Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti yoo haasaa qabaate ykn Walga’ii Tajaajilaarratti yoo hojiin argisiisa qabaate, kutaasaa kana akkamitti dhiheessuu akka danda’u irratti mari’adhaa ykn maatii duratti akka dhiheessu godhaa.
Wantoota Maatichaaf Barbaachisan:
• Yaadawwan kitaabota Yaangi Piippil Askiifi Larni Firoom za Gireet Tiichar jedhamanirratti argaman qayyabadhaa.
• Rakkoowwan mana barumsaatti isaan mudachuu danda’u kaasaatii, rakkina kanaaf akkamitti furmaata kennuu akka qaban shaakalaa.
• Ga’ee warriifi ijoolleen qabdan wal jijjiiraatii shaakalaa. Ijoolleen dhimma tokkorratti qorannoo godhanii warrasaaniitiif haa ibsan.
Tajaajila:
• Akkaataa dhiheenyaa tajaajilarratti itti fayyadamtan shaakalaa.
• Yeroo Ayyaana Yaadannoofi yeroo boqonnaatti hirmaannaa tajaajilarratti qabdan guddisuuf galma maatiin keessan baafaterratti mari’adhaa.
• Miseensoonni maatii hundi daqiiqaa muraasa fudhatanii, qorannoo gochuudhaan gaaffiiwwan tajaajilarratti isaan mudachuu danda’an addaddaatiif akkamitti deebii kennuu akka danda’an gaafadhaa; achiis irratti shaakalaa.
Yaadawwan Dabalataa:
• Barruulee dhiheenyatti ba’an keessaa mataduree tokko waliin dubbisaa.
• Miseensoonni maatii hundinuu barruulee dhiheenyatti ba’an keessaa mataduree isaanitti tole dursanii akka dubbisaniifi yaada argatanis akka dhiheessan godhi.
• Darbee darbee babal’isaa qeentee ta’e ykn haadha manaafi abbaa manaa kan ta’an Waaqeffannaa Maatii galgalaa keessan irratti afeeraatii gaafannoo godhaafii.
• Viidiyoowwan Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan keessaa tokko ilaalaatii irratti mari’adhaa.
• Barruu Dammaqaa! irraa matadureewwan “Gaaffii Dargaggootaa” ykn “Maatiin Kan Irratti Mari’atu” jedhanirratti mari’adhaa.
• Barru Masaraa Eegumsaa irraa matadureewwan “Ijoollee Keessan Barsiisaa” ykn “Dargaggootaaf” jedhanirratti mari’adhaa.
• Kitaaba Waggaa, kan waggaa kanaa ykn barreeffamoota walga’ii koonyaa darberratti ba’an keessaa hamma tokko dubbisaatii irratti mari’adhaa.
• Walga’ii koonyaa ykn aanaarratti erga hirmaattanii booda, yaadawwan ijoo walga’ichaarratti mari’adhaa.
• Uumamawwan Yihowaa ilaalaatii, waa’eesaa maal akka irraa barattan irratti mari’adhaa.
• Wantoota kan akka fakkii, kaartaafi chaartii waliin hojjedhaa.