Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Jiini Onkoloolessaa, jiʼa walgaʼii koonyaa itti goone ture. Walgaʼii koonyaa guutummaa biyyichaa keessatti godhamerratti namoonni 15,667 kan argaman siʼa taʼu, namoonni 299 taʼanimmoo cuuphamaniiru; kunimmoo namoota waggaa darbe walgaʼii koonyaarratti cuuphamanirra dhibbeentaa 10nii oliin kan caalu ture. Babalʼistoonni 9,001 taʼanis gabaasa tajaajilaasaanii deebisaniiru.