Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee
“Namoonni hedduun Uumaa isa Hundumaa dandaʼu Waaqa jedhanii waamu. Macaafni Qulqulluun maqaa Waaqayyo beekuun barbaachisaa taʼuusaa akka ibsu beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Faarfannaa 91:14 dubbisiif.] Barruun kun, maqaan Waaqayyoo hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko keessaa kan baafame maaliif akka taʼeefi Waaqayyoon maqaasaatiin beekuu jechuun maal jechuu akka taʼe ibsa.”
Dammaqaa! Guraandhala
“Macaafni Qulqulluun yeroo dheeraa dura waan barreeffameef, namoonni tokko tokko gama saayinsiitiin sirrii miti jedhanii yaadu. Atoo maal jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun yaada Macaafa Qulqulluu kana yeroo argan ni dinqisiifatu. [Isaayaas 40:22 dubbisiif.] Matadureen fuula 22rratti argamu, gaaffii Macaafni Qulqulluuniifi saayinsiin wal simuu? jedhuuf deebii kenna.”
Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee
“Namoonni gammachuu argachuuf maal gochuu qabu jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Maatewos 5:3 dubbisiif.] Yaanni kun wantoota Yesus gammachuu argamsiisu jedhee dubbate keessaa isa tokko qofadha. Matadureen kun, gammachuu dhugaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalchisee Yesusirraa maal akka barannu ibsa.” Mataduree fuula 26rra jiru itti argisiisi.
Dammaqaa! Bitootessa
“Namoonni baayʼeen dhukkubaa wajjin waldhaansoo wal qabaa waan jiraniif, caqasa nama jajjabeessu kana itti argisiisaa jirra. [Isaayaas 33:24 dubbisiif.] Yeroo abdiin kun raawwatamu, jireenyi namootaa maal fakkaata jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Hanga Waaqayyo jijjiirama kana fidutti, hundi keenya haala fayyaa keenya fooyyessuuf tarkaanfiiwwan buʼuuraa fudhachuu qabnu jiru. Barruun kun dhimma kana ilaalchisee ibsa kenna.”