Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Ebl. 1
“Guyyaa hundumaa waa’ee fayyaa, maatiifi hojii keenya ilaalchisee gaaffiiwwan baay’ee gaafanna. Deebii sirriifi hojiirra ooluu danda’u eessaa kan argannu sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Wanta Macaafni Qulqulluun 2 Ximotewos 3:16rratti dubbatu qalbeeffadhu. [Dubbisiif.] Barruun kun karaa baay’ee Macaafni Qulqulluun itti nu gargaaruu danda’u ibsa.”
Dammaqaa! Ebl. 2007
“Namoonni baay’een Kiristiyaana ofiin jedhu. Kiristiyaana ta’uu jechuun maal jechuu sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Wanta Yesus asirratti jedhe qalbeeffadhu. [Yohannis 15:14 dubbisiif.] Matadureen kun ani Kiristiyaana jechuu caalaa wanti barbaachisu akka jiru ibsa.” Mataduree ful. 26rraa jalqabu itti argisiisi.
MASARAA EEGUMSAA Ebl. 15
“Yeroo ammaatti gochi hammeenyaa kan barame fakkaata. [Wanta naannookeetti raawwatame ykn barruu sanarraa dubbiste tokko caqasi.] Namoonni akkas kan hammaatan maaliif jettee gaafatee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun hammeenyi dabalaa akka adeemu dursee dubbateera. [2 Ximotewos 3:1-5 dubbisiif.] Barruun kun gaaffii ‘Hammeenyi yeroo itti hin jiraanne ni dhufaa laata?’ jedhuuf deebii kenna.”
Dammaqaa! Cam. 2007
“Namoonni tokko tokko sooreyyii yeroo ta’an, namoonni miliyoonaan lakkaa’amanimmoo hiyyeeyyiidha. Yeroon wal caalmaan akkasii itti hin jiraanne ni dhufa jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Waaqayyo namoota hiyyeeyyii ta’aniif ilaalcha akkamii akka qabu hubadhu. [Faarfannaa 22:24 dubbisiif.] Barruun kun abdii Macaafni Qulqulluun namoota hiyyeeyyii ilaalchisee dubbatu ibsa.”