Barreeffamoota Gumii Keessatti Argamanitti Fayyadamaa
Gumiiwwan hedduun barreeffamoota turan baayʼee qabu. Barreeffamoota kana keessaa koppii tokko tokko dhunfaa keetiif maalif hin fudhattu? Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistuufi guddina argisiisaa jiru jiraa? Taanaan namni kun barreeffamoota turan kana koppii mataasaa akka fudhatu jajjabeessi. Ilaaltuun olaanaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii manni kitaabaa Galma Mootummaa barreeffamoota gumichi qabu kana hunda qabaachuusaa mirkaneessuu qaba. Barreeffamoonni kun yeroo ammaattis faayidaa qabu. Barreeffamoota kana gumii keessatti akka kuufamu gochuu mannaa, utuu itti fayyadamnee baayʼee gaarii taʼa.