Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Waxabajjii 27, 2011 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barumsawwan torban Caamsaa 2 jalqabee hanga Waxabajjii 27, 2011tti dhihaatanirratti hundaaʼee irra deebicha daqiiqaa 20f geggeessa.
1. Yihowaan Iyoob namoota isarratti cubbuu raawwataniif akka kadhatu isa gaafachuusaarraa barumsa akkamii arganna? (Iyo. 42:8) [w98 8/15 ful. 30 key. 5]
2. ‘Aarsaa qajeelaanʼ Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti dhiheessan maalidha? (Far. 4:5) [w06 5/15 ful. 19 key. 1]
3. Kaleen Daawit kan isa ifate akkamitti? (Far. 16:7, hiika bara 1899) [w04 12/1 ful. 14 key. 9]
4. ‘Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo kan himanʼ akkamitti? (Far. 19:1) [w04 10/1 ful. 10 key. 8]
5. Daawit Mootichi Faarfannaa 27:14rratti [akka Hiika Addunyaa Haaraatti] abdiifi ija jabinni walitti dhufeenya akkamii akka qaban dubbate? [w06 11/1 ful. 12-13 key. 3, 6]
6. Yaanni Faarfannaa 37:21rra jiru walitti dhufeenya obboloota keenyaa wajjin qabnu kan tuqu akkamitti? [w88 8/15 ful. 17 key. 8]
7. Dinqisiifannaa ilaalchisee, nama Lewwii biyya boojuudhaan fudhatame keessa jiraachaa ture tokkorraa maal barachuu dandeenya? (Far. 42:1-3) [w06 6/1 ful. 9 key. 3]
8. Qajeelina akka jaallannu, jalʼinammoo akka jibbinu maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (Far. 45:7) [cf ful. 58-59 key. 8-10]
9. Daawit “hafuura na gargaaru” jedhee yeroo kadhatu hafuura eenyuu gaafachuusaa ture? (Far. 51:12) [w06 6/1 ful. 9 key. 10]
10. Namoonni qajeeloon mana Waaqayyoo keessatti akka muka ejersaa taʼuu kan dandaʼan akkamitti? (Far. 52:8) [w00 5/15 ful. 29 key. 4]