“Saʼaatii Meeqan Gabaasuu Qaba?”
Gaaffii kana gaafattee beektaa? Kana ilaalchisee kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu, fuula 86-87rratti qajeelfamni walii galaa kennameera. Qajeelfamni dabalataa darbee darbee kan baʼu siʼa taʼu, yaadni Saanduqa Gaaffii Tajaajila Mootummaa, Fulbaana 2008rra jiru isaan keessaa tokkodha. Haalli namootaa garaagara waan taʼeef seera hundumaaf hojjetu baasuun rakkisaadha. Kanaaf, jaarsoliinis taʼan namoonni kaan qajeelfama dabalataa baasuunsaanii sirrii miti.
Dhimma kana ilaalchisee gaaffiin yoo kaʼeefi qajeelfamni barreeffamaan taaʼe hin jiru taanaan, babalʼisaan hundi akkas jedhee of gaafachuu qaba: Saʼaatii kana tajaailarrattan dabarsee? Moo wantoota hojii kana wajjin wal hin qabanne kan biraa hojjechaan ture? Saʼaatiin jiʼa jiʼaan gabaasnu gammachuu kan nuuf argamsiisu malee, yaanni garaa keenyaa akka nu ceephaʼu kan godhu taʼuu hin qabu. (HoE. 23:1) Kaayyoon keenya inni guddaan saʼaatii qofa lakkaaʼuu miti; kanaa mannaa tajaajila keenyarratti dammaqinaan hirmaachuudhaan saʼaatii keenyatti akka gaariitti fayyadamuudha.—Ibr. 6:11.