Tajaajila Irratti Yeroo Keessanitti Sirriitti Fayyadamaa
Dhugaa Baatonni Yihowaa waggaa tajaajilaa 2014tti, tajaajila irratti saʼaatii 1,945,487,604 dabarsaniiru. Kun immoo ragaa qabatamaa Yihowaa tajaajiluuf murteessuu keenya argisiisu dha! (Far. 110:3; 1 Qor. 15:58) Yeroon hafe gabaabaa waan taʼeef, caalaatti tajaajila irratti hirmaachuudhaan namoota baayʼee haasofsiisuuf yeroo qabnutti sirriitti fayyadamuu ni dandeenyaa laata?—1 Qor. 7:29.
Tajaajila irratti yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuuf akka haala isaatti jijjiirama gochuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, yeroo hundumaa gosa tajaajilaa tokko irratti yommuu hirmaattan nama tokko utuu hin haasofsiisin saʼaatii tokko ykn isaa ol dabarsitu taanaan, nama hedduu haasofsiisuu akka dandeessaniif gama kanaan sirreeffama gochuu ni dandeessuu? Iddoodhaa iddootti haalli isaa garaagara akka taʼe beekamaa dha. Haataʼu malee, Yaadawwan armaan gadii, yeroo keenyatti sirriitti fayyadamuuf nu gargaaru. Kun immoo “qilleensa rukutuu” irraa nu eega.—1 Qor. 9:26.
Tajaajila Manaa Gara Manaa: Babalʼistoonni, waggoota kurnan hedduudhaaf ganama tajaajila kan jalqaban manaa gara manaa tajaajiluudhaan ture. Haa taʼu malee, namoonni hedduun guyyaa hojii waan oolaniif, yeroo namoonni mana isaaniitti argamanitti, jechuunis gara waaree boodaa ykn gara galgalaa manaa gara manaa maaliif hin tajaajiltan? Guyyaa immoo, karaa irratti ykn bakka daldalaatti tajaajiluun buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa.
Bakka Namoonni Baayʼinaan Argamanitti Lallabuu: Minjaallii fi gaariin barreeffamoota keenya qabate naannoo tajaajilaa keenya keessatti, karaa namoonni baayʼinaan irra deddeebiʼan irra kaaʼamuu qabu. (Tajaajila Mootummaa, Adoolessa 2013, ful. 5 ilaali.) Iddoo tajaajila kanaaf qophaaʼe irra namoonni hedduun deemuu yoo dhiisan, Koreen Tajaajilaa Gumichaa minjaala ykn gaarii sana iddoo caalaatti namoonni irra deddeebiʼanitti geessuuf murteessuu dandaʼa.
Deddeebii Gaaffii Fi Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu: Nama deddeebii gaaffii gootaniif ykn nama qayyabsiistan yeroo gosa tajaajilaa isa kaan irratti namoonni haasofsiistan hirʼatanitti beellamuu dandeessuu laata? Fakkeenyaaf, Sanbadduraa ganama manaa gara manaatti tajaajiluun caalaatti buʼa qabeessa yoo taʼe, qayyabataa keessan waaree booda ykn gara galgalaa qayyabsiisuu ni dandeessuu? Deddeebii gaaffii yommuu gootan immoo, balʼinaan tajaajiluun akka dandaʼamuuf gareedhaan yommuu tajaajiltan iddoo baayʼeetti hihhiramuu ni dandeessuu?
Tajaajila irratti kan hirmaannu yoom iyyuu yoo taʼe, saʼaatii tajaajila irratti dabarsinu kan galmeeffannu taʼus gammachuun keenya kan dabalu buʼaa gaarii yommuu argannu dha. Saʼaatii taʼe tokko irratti gosa tajaajilaa tokko irratti yommuu hirmaattan buʼaa gaarii yoo argachuu baattan, gosa tajaajilaa kan biraa yaalaa. Tajaajila irratti saʼaatii keessanitti akka gaariitti fayyadamuu akka dandeessaniif, Yihowaa inni “abbaa midhaanichaa” taʼe qajeelfama akka isiniif kennu kadhadhaa!—Mat. 9:38.