LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/06 ful. 4
  • Manaa Gara Manaatti Tajaajiluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Manaa Gara Manaatti Tajaajiluu
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Manaa Gara Manaa Tajaajiluun Yeroo Ammaatti Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Tajaajila Gara Galgalaa Raawwatamurratti Hirmaachuu Ni Dandeessuu?
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Bilbilaan Lallabuun Bu’a Qabeessa Ta’uu Ni Danda’a
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Tajaajila Irratti Yeroo Keessanitti Sirriitti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2015
Tajaajila Mootummaa—2006
km 9/06 ful. 4

Manaa Gara Manaatti Tajaajiluu

1 Masaraan Eegumsaa Xiyoon Adoolessa 1, 1893⁠tti qophaa’e, faayidaa manaa gara manaatti tajaajiluu ilaalchisee akkas jedhee ture: “Dhugaa Baatonni karaa adda addaa lallabuudhaan muuxannoo qaban, yeroo kanatti kitaaba MILIINIYAAL DAAWUN jedhamuun fayyadamuudhaan manaa gara manaatti tajaajiluun bu’a qabeessa akka ta’e amanu.” Namoonni addunyaa maratti argaman hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addaan baafamanii ittiin beekaman godhanii ilaalu. Biyyoota tokko tokkotti namoota manasaaniitti argachuun yeroo rakkisaa itti ta’e kanattis manaa gara manaa lallabuun bu’a qabeessadhaa?

2 Deggersa Macaafa Qulqulluu Kan Qabuufi Barbaachisaadha: Manaa gara manaa tajaajiluun deggersa Macaafa Qulqulluu kan qabudha. Yesus duuka buutonnisaa 70n lama lama ta’anii manaa gara manaa akka dhaqan isaan ajajee ture. (Luq. 10:5-7) Macaafni Qulqulluun, Yesus erga du’ee booda utuu baay’ee hin turin, wanta bartoonnisaa godhan ilaalchisee akkas jedha: “Guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis, barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka ta’e misraachoo himuuttii gargar hin kunne.” (HoE. 5:42) Phaawulos ergamaanis hinaaffaadhaan manaa gara manaa lallabeera.— HoE. 20:20.

3 Manaa gara manaa tajaajiluun ammayyuu karaa misiraachoon kun ittiin babal’isamudha. Karaa qindoomina qabuufi seera qabeessa ta’een namoota misiraachoon kun ta’uuf ‘barbaaduuf’ nu dandeessisa. (Mat. 10:11) Namoonni baay’een manasaaniitti maree gochuuf hin sodaatan. Namoota ilaalaa, wanta isaan jedhan dhaggeeffachaa, ibsawwan qaamasaanii ilaalaafi naannoosaanii ilaalaa isaanii wajjin mari’achuun fedhiisaaniifi wanta isaan yaaddessu akka hubannu nu gargaara. Kunimmoo yeroo baay’ee maree dabalataa gochuudhaaf carraa nuu bana.

4 Haala Keessan Sirreessaa: Phaawulos ergamaan “wangeelaaf jedhee” sirreeffama godhee ture. (1 Qor. 9:23) Nutis, yeroo namoonni baay’een manatti argaman jechuunis gara galgalaa, Sanbadduraafi Dilbata ykn guyyoota ayyaanaatti lallabuuf sagantaa keenya sirreessuu dandeenya. Namoota manatti hin arganne galmeessaatii guyyaafi sa’aatii gara biraatti deebitanii gaafachuuf yaalii godhaa.

5 Namoonni dhibee fayyaa qabanillee tajaajila manaa gara manaa godhamurratti hirmaachuu ni danda’u. Bakka dhihoofi mijaa’aa ta’e isaan geessuufi suuta jennee isaanii wajjin deemuuf karoora baafachuu dandeenya. Obboleettiin tokko rakkoo hafuura baafachuu waan qabduuf sa’aatii walakkaa keessatti mana tokko qofa caalaa dhaquu hin dandeessu turte. Haata’u malee, erga warra kaanii wajjin akka tajaajiltuuf ramadamuutti kaatee booda gammachuu guddaan isheetti dhaga’ameera.

6 Namoonni hoolotatti fakkeeffaman hedduun tajaajila manaa gara manaa godhamuun argamaa jiru. Babal’isaan tokko yeroo manaa gara manaa dhaqutti akkas jedhamee ture: “Seeni. Eenyu akka taate bareera. Nama na gargaaru akka naa erguuf Waaqayyoon kadhachaa utuun jiruu balballi rurrukutame. Kadhannaakoo dhaga’ee siin naa erge.” Bu’aawwan argamaa jiran kun, Yihowaan tajaajila manaa gara manaa eebbisaa akka jiru kan argisiisanidha. (Mat. 11:19) Yeroo hundaa manaa gara manaa tajaajiluuf murtoo godhaa.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Haala manaa gara manaa tajaajiluu wajjin wal qabateen gaaffii maaliitu ka’a? Maaliif?

2. Manaa gara manaa tajaajiluun deggersa Macaafa Qulqulluu qabaachuusaa kan argisiisu maalidha?

3. Manaa gara manaa lallabuun bu’aawwan akkamii qaba?

4. Manaa gara manaa tajaajiluudhaan caalaatti bu’aa gaarii argachuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Namoonni dhibee fayyaa qaban tajaajila manaa gara manaa godhamurratti hirmaachuu kan danda’an akkamitti?

6. Yeroo hundaa tajaajila manaa gara manaa godhamurratti hirmaachuu kan qabnu maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi