Sagantaa Torban Waxabajjii 27 Jalqabu
TORBAN WAXABAJJII 27 JALQABU
Faarfannaa 42 fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
dg boq. 3 key. 1-9 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Far. 52-59 (Daq. 10)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii (Daq. 20)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Beeksisa. “Saʼaatii Meeqan Gabaasuu Qaba?” Haasaa jaarsaan dhihaatu. Xumura haasicharratti akkaataa dhiheenyaa fuula 4rra jirutti fayyadamuudhaan, hojiin argisiisa jiʼa Waxabajjii Sanbadduraa isa jalqabaatti akkamitti qayyabannaa jalqabsiisuun akka dandaʼamu argisiisuu akka dhihaatu godhi. Babalʼistoonni hundi kanarratti akka hirmaatan jajjabeessi.
Daq. 10: Jiʼa Adoolessaatti Barruulee Raabsuuf Qophaaʼuu. Mareedhaan kan dhihaatu. Qabiyyee barruulee sanaa, daqiiqaa tokkoo hanga lamaa gidduutti ibsi. Achiis matadureewwan lama ykn sadii filadhuutii, gaaffiifi caqasa dhaggeeffattoonni yaada seensaasaanii keessatti itti fayyadamuuf yaadan gaafadhu. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: Yeroo Lallabdan Mala Qabeeyyii Taʼaa. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, fuula 197-199rratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Hojiin argisiisni babalʼisaan tokko mormii baramaa tokkoof mala utuu hin fayyadamin yeroo deebii kennu argisiisu akka dhihaatu godhi. Achiis hojiin argisiisni kan biraan babalʼisaan tokko mormii kanaaf malaan yeroo deebii deebisu argisiisu akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 47 fi Kadhannaa