Tajaajila Karaarratti Raawwatamuufi Buʼa Qabeessa Taʼe
1. Karaan Yesusiin itti fakkaachuu dandeenyu inni tokko maalidha?
1 Yesus yeroo lafarra tajaajilaa turetti, namoota karaarrattiifi bakka namoonni hedduun jiranitti argateef lallabuurraa duubatti hin jenne. (Luq. 9:57-61; Yoh. 4:7) Hanga isaaf dandaʼame ergaa barbaachisaa kana namoota hedduutti himuu barbaada ture. Yeroo harʼaattis, karaarratti lallabuun mala gaarii namoonni ogummaa Waaqayyoo akka argatan ittiin gargaaruu dandeenyudha. (Fak. 1:20) Dursa fudhannee namoota kan haasofsiisnuufi hubannaa keenyatti kan fayyadamnu taanaan buʼaa gaarii argachuu dandeenya.
2. Yeroo karaarratti lallabnu dursaa fudhachuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Dursa Fudhadhaa: Bakka tokko dhaabattanii ykn teessanii namni karaarra darbu hanga dhufee isin haasofsiisutti eeguu mannaa dursa fudhatanii isa haasofsiisuun gaariidha. Ija ijasaanii ilaalaa, seeqa; karaa tasgabbii qabuufi jaalala argisiisuun haasofsiisuuf yaalii godhaa. Babalʼistoota kaanii wajjin kan tajaajiltan yoo taʼe, yeroo baayʼee qofa qofaa namoota haasofsiisuun gaariidha. Kunis maree dhuunfaa gochuu mannaa, hojii lallabaa keenyarratti xiyyeeffachuuf nu gargaara. Namoota fedhii argisiisaniif deddeebii gaaffii gochuufis dursa fudhachuun barbaachisaadha. Kan dandaʼamu taanaan, maree keessan yeroo xumurtan yeroo biraatti akkamitti isaan argachuu akka dandeessan gaafadhaa. Babalʼistoonni tokko tokko yeroo hundumaa karaadhuma tokkorratti tajaajiluunsaanii, namoota kanaan dura haasofsiisan deebisanii argachuufi fedhii namoota sanaa guddisuuf isaan dandeessiseera.
3. Yeroo karaarratti lallabnu hubannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Hubannaa Qabaadhaa: Eessa dhaabachuufi eenyuun haasofsiisuu akka qabnu murteessuuf hubannaa keenyatti akka gaariitti fayyadamuu qabna. Nama karaarra darbu hunda haasofsiisuun barbaachisaa miti. Haala nama sanaa sirriitti hubadhaa. Fakkeenyaaf, nama jarjaraa jiru tokko haasofsiisuu dhiisuun gaarii taʼuu dandaʼa. Karaa biraammoo, carraawwan namoota haasofsiisuuf isin dandeessisan dammaqinaan hordofaa. Manneen daldalaa duratti yeroo lallabdan, hogganaa dhaabbatichaa akka hin dheekkamsiisne of eeggachuu qabdu. Yeroo baayʼee, ennaa namoonni waa bituuf ol seenan utuu hin taʼin yeroo isaan baʼan isaaniif lallabuun gaariidha. Karaa akka naʼan ykn akka sodaatan godhuun isaan haasofsiisuurraa of qusadhaa. Yeroo barreeffama isaaniif kennitanis hubannaa qabaachuun keessan barbaachisaadha. Namni sun fedhiinsaa xinnoo taanaan, barruulee utuu hin taʼin tiraaktii kennuufii dandeessu.
4. Karaarratti lallabuun buʼa qabeessaafi gammachiisaa kan taʼe maaliifi?
4 Karaarratti lallabuun yeroo gabaabaa keessatti sanyii dhugaa hedduu facaasuuf nu dandeessisa. (Lal. 11:6) Namoota karaarratti argannu keessaa tokko tokko, warra yeroo manaa gara manaa tajaajilutti manaa isaan dhabne taʼuu dandaʼu. Kanaaf, hanga nuu dandaʼametti namoota hedduudhaaf lallabuurratti kan xiyyeeffannu taanaan, karaarratti lallabuun bifa tajaajilaa gammachiisaafi buʼa qabeessa nuuf taʼuu dandaʼa.