Atis Dhaabuu Qabdaa?
Babalʼistoonni tokko tokko tajaajila dirreerratti yeroo hirmaatan, saʼaatii murtaaʼe tokkotti tariimmoo naannoo saʼaatii laaqanaatti tajaajila dhaabuu amaleeffataniiru. Haalli obboloota tokko tokkoo yeroo murtaaʼe tokkotti tajaajilasaanii akka dhaaban akka isaan godhu beekamaadha. Haataʼu malee warri sii wajjin tajaajilan waan dhaabaniif ykn naannoo keessanitti yeroo taʼe tokkotti dhaabuun waan amaleeffatameef qofa atis dhaabuu qabdaa? Tajaajilakeetti daqiiqaawwan dabalataa idaʼuudhaan, bifawwan tajaajilaa kanneen akka karaarratti lallabuurratti hirmaachuu ni dandeessaa? Utuu gara manaatti deebituu deddeebii gaaffii tokko ykn lama gochuu ni dandeessaa? Nama fedhii argisiise tokko manatti yoo argatte ykn nama karaarra darbu tokkoof barruu tokko yoo raabsite hojii gaarii hangamii akka raawwattu yaadi! Tajaajila keenya dhaabuu hin qabnu yoo taʼe, daqiiqaa dabalataa muraasa turuun karaa salphaa “aarsaa galataa” dhiheessinu itti guddifannudha.—Ibr. 13:15.