Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Waggaa tajaajilaa kana erga walakkeessinee booda, guddinni keenya dhibbeentaa 3.2n dabaluusaa yommuu isin beeksisnu gammachuutu nutti dhagaʼama. Guraandhalli, jiʼa lammaffaa duulli addaa itti godhame siʼa taʼu, jiʼa kanatti lakkoofsi babalʼistootaa haaraan (9,040), akkasumas lakkoofsi qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu haaraa (7,143) galmeeffameera. Hafuura wangeela lallabuu qabdan kana eegdanii akka itti fuftan isin jajjabeessina!