Sagantaa Torban Adoolessa 11 Jalqabu
TORBAN ADOOLESSA 11 JALQABU
Faarfannaa 34 fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
dg boq. 3 key. 19-27 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Far. 69-73 (Daq. 10)
Lakk. 1: Far. 72:1-20 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2:Yesus Foon Uffatee Gara Samiitti Ol Deebiʼee?—rs ful. 218 key. 3-6 (Daq. 5)
Lakk. 3: Dargaggoonni Hisqiyaas Mootichaafi Yosiyaas Mooticharraa Maal Baratu? (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Karaa Buʼa Qabeessa Taʼeen Barsiisuuf Gaaffiiwwanitti Fayyadami—Kutaa 3. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, fuula 239rratti hundaaʼee haasaadhaan kan dhihaatu. Qabxii achirra jiru keessaa tokko ykn lama gabaabaadhumatti hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: “‘Garaa Kan Laaftan’ Taʼaa.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.
Daq. 10: Wantoota Caalaatti Barbaachisaa Taʼaniif Dursa Kennaa! (Filp. 1:10) Guyyaa guutuu kan hojjetaniifi itti gaafatamummaa maatii guddaa kan qaban taʼanillee, babalʼistoota mataa maatii taʼaniifi yeroo hundaa tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaatan tokkoof ykn lamaaf gaafannoo godhi. Hojiin kan isaanitti baayʼatu taʼullee tajaajilaaf yeroo kan argatan akkamitti? Yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuunsaanii isaaniinis taʼe maatiisaanii kan fayyade akkamitti akka taʼe gaafadhu?
Faarfannaa 25 fi Kadhannaa