Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabanna Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Uumaan Waaqa akkamii akka taʼe beekuun kan dandaʼamu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Kana ilaalchisee yaada nama gammachiisu tokkon utuun sitti himee natti tola.” Matadureen Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii 2011, fuula 16rraa jalqabu yaada gaaffii 2ffaa gadi jiruufi caqasa tokko dubbisiitii irratti mariʼadhaa. Barruu kana erga kenniteefii booda gaaffii 3ffaarratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii
“Namoonni hedduun seenaan waaʼee dhaaba Eeden dubbatu soba akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Yesus, Addaamiifi Hewwaan namoota yeroo tokkotti lafarra jiraachaa turan akka taʼan caqasuudhaan akka barsiise beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Maatewos 19:4-6 dubbisi.] Barruun kun gaaffiiwwan seenaa waaʼee dhaaba Eeden ilaalchisee kaʼan hedduu keessaa muraasasaaniitiif deebii kenna.”
Dammaqaa! Adoolessa
Oduu gaddisiisaa sabqunnamtiirraa dhageesse tokko dubbadhu. Achiis akkas jedhi: “Waaqayyo wantoonni kun akka gaʼan kan heyyame maaliif sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo namoota dhiphataniif akka gaddu ibsa. [Baʼuu 3:7 dubbisi.] Akkasumas Waaqayyo dhiphinni akka gaʼu maaliif akka heyyameefi yeroo dhihootti dhiphina barabaraaf akka balleessu nutti hima. Barruun kun waaʼee kanaa ibsa.”