Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabanna Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Namoonni heduun waaʼee Yesus ilaalcha baayʼee garaagara taʼe qabu. Haataʼu malee waaʼee Yesus dhugaasaa beekuun barbaachisaa sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Yohannis 17:3 dubbisi.] Barruun kun Yesus eessaa akka dhufe, akkamitti akka jiraateefi maaliif akka duʼe ilaachisee wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu ibsa.”
Adoolessaa-Fulbaanaa
“Waaqayyo hammeenyiifi dhiphinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Dhimma kana ilaalchisee yaada gaarii tokko utuun sitti himee natti tola.” Yaadaafi caqasa Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa mataduree xiqqaa isa jalqabaa jala jiran waliin dubbisaa. Barruu sana erga kenniteefii booda gaaffii ittaanurratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
Dammaqaa! Onkoloolessa
“Maatiiwwan naannoo kanatti argaman haasofsiisaa jirra. Yeroo harʼaatti, warri ijoollee yommuu guddisan rakkinni guddaan isaan mudatu maalidha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Warri hedduun gorsa Macaafni Qulqulluun kennutti ni amanamu. Fakkeenyaaf, yaanni gaariin caqasa kanarratti argamu kun yeroo ijoollee adabuu maal gochuu akka qabnu ilaalchisee gorsa gaarii qabateera. [Efesoon 4:31 dubbisi.] Barruun kun,warri ijoolleesaanii xinnummaadhaa kaasee hanga umrii dargaggummaarra gaʼanitti yommuu guddisan, gorsi Macaafa Qulqulluu keessatti argamu akkamitti isaan gargaaruu akka dandaʼu ibsa.”