Sagantaa Torban Onkoloolessaa 10 Jalqabu
TORBAN ONKOLOOLESSA 10 JALQABU
Faarfannaa 44 fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
dg boq. 10, key. 19-27 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Fak. 7-11 (Daq. 10)
Lakk. 1: Fak. 8:1-21 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Gara Fulduraatti Yihudoonni Hundi Kiristositti Ni Amanuu?—rs ful. 223, key. 2-3 (Daq. 5)
Lakk. 3: Caaffanni Qulqullaaʼoon ‘Qajeelaa Keessa-Baʼaa’ Taʼuurraa Akka Of Qusannu Kan Nu Akeekkachiisan Maaliifi?—Lal. 7:16 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 15: Itti Fayyadamuuf Yaaltaniittuu? Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan Tajaajila Mootummaa dhiheenya baʼan kana haasaadhaan gabaabsii dhiheessi: “Guyyaa Dilbataa Tajaajilarratti Hirmaachuu Dandeessaa?” (km 5/11) akkasumas “Tajaajila Karaarratti Raawwatamuufi Buʼa Qabeessa Taʼe” (km 6/11). Dhaggeeffattoonni yaadawwan mataduree kanarratti baʼan akkamitti hojiirra oolchuuf yaalii akka godhaniifi faayidaa akkamii akka argatan yaada akka kennan gaafadhu.
Daq. 15: “Namoota Haasofsiistaniif Ragaa Amansiisaa Dhiheessaa.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata 3rratti erga mariʼattanii booda, hojiin argisiisni babalʼisaan tokko gaaffii ykn mormii beekamaa taʼe tokkoof diddaadhaan yommuu deebii kennu argisiisu tokko akka dhihaatu godhi. Deebiʼeemmoo gaaffii ykn mormii sanaaf karaa namni sun itti amanuu dandaʼuun deebii akka kennu godhi.
Faarfannaa 28 fi Kadhannaa