Namoota Haasofsiistaniif Ragaa Amansiisaa Dhiheessaa
1. Akkaataan dhiheenyaa tajaajilarratti caalaatti buʼa qabeessa taʼe isa kami?
1 Akkaataan dhiheenyaa tajaajilarratti caalaatti buʼa qabeessa taʼe isa kami? Haala diddaa argisiisuun haasofsiisuumoo ragaa amansiisaa dhiheessuudhaan murtoo sirrii taʼerra akka gaʼan gargaaruudha? Phaawulos ergamaan Yihudoota Tasaloniiqee yommuu haasofsiisu dhaggeeffattootasaatiif ragaa amansiisaa waan dhiheesseef, ‘isaan keessaa kaan dubbii isaa fudhatanii’ amananiiru. (HoE. 17:2-4) Haataʼu malee, ragaa amansiisaa dhiheessuun maal dabalata?
2. Yommuu misiraachicha lallabnu fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Ilaalchasaaniifi Akkaataa Guddinaasaanii Hubadhaa: Namoota naannoo tajaajilaa keessanitti argamaniif ragaa amansiisaa dhiheessuuf ilaalchasaanii beekuu qabdu. Phaawulos haasaa dhiheessuu kan jalqabe, Aariyophaagositti namoota Giriikii hin amannee wajjin wanta isaan beekaniifi itti amanan kaasuudhaan ture. (HoE. 17:22-31) Kanaaf, akkaataa dhiheenyaa keessan yommuu qophooftan, yaadawwan irratti walii galtanirratti, akkasumas komii namoonni naannoo tajaajilaa keessanii amantii keenyarratti qaban hubadhaa. (1 Qor. 9:19-22) Namni haasofsiistan mormii yoo kaase, yaada irratti walii galtan argachuuf yaalaatii mareen keessan achirratti akka xiyyeeffatu godhaa.
3. Gaaffiitti ogummaadhaan fayyadamuudhaan namoota kaaniif ragaa amansiisaa dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Gaaffiitti Ogummaadhaan Fayyadamaa: Nama karaa deemu tokko bakka jiru utuu hin beekin, bakka yaade akka gaʼu qajeelfama kennuufii hin dandeenyu. Haaluma wal fakkaatun, namni haasofsiisnu yeroo ammaatti ilaalcha akkamii akka qabu yoo beekuu baanne, murtoo sirrii taʼerra akka gaʼu isa gargaaruu hin dandeenyu. Yesus yeroo baayʼee namoota isa dhaggeeffatan barsiisuusaa dura, yaadasaanii beekuuf gaaffii isaan gaafata ture. Fakkeenyaaf, Yesus yommuu namichi tokko, “Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf taʼa?” jedhee isa gaafatu, deebii kennuusaa dura ilaalcha namichaa beekuu barbaadee ture. (Luq. 10:25-28) Yeroo garabiraattimmoo Yesus yommuu Phexros deebii dogoggora taʼe deebisu, yaadasaa sirreessuuf gaaffiitti ogummaadhaan fayyadameera. (Mat. 17:24-26) Kanaaf, namni haasofsiisnu gaaffii yoo kaase ykn ilaalcha dogoggora taʼe yoo qabaate, dhimmicharratti akka yaadu gaaffiidhaan fayyadamuu dandeenya.
4. Nama haasofsiisnuuf ragaa amansiisaa dhiheessuu kan qabnu maaliifi?
4 Nama haasofsiisnuuf ragaa amansiisaa yommuu dhiheessinu, fakkeenya Barsiisaa Guddicha kan taʼe Yesusiifi warra jaarraa tokkoffaatti ogummaadhaan Wangeela lallaban kaanii hordofna. Akkasumas nama haasofsiisnu sana akka kabajnu argisiisna. (1 Phe. 3:15, 16) Akkas yoo goone, tarii akka deebinee isa gaafannu heyyamuu dandaʼa.