Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Maree Keenya Dhaabsisuu Barbaadaniif Deebii Kennuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Balaan uumamaa tokko akka dhufu beekta haa jennu. Namoonni iddoo tokkotti yoo baqachuu baatan balaa kanaaf saaxilamu. Ollaankee tokko balaa kana jalaa akka baqatuuf itti himuu deemtus hojiidhaan qabamee akka jiru dubbachuudhaan si dhagaʼuu dide. Yeroo kanatti carraaqqii isa oolchuuf gootu battaluma sanatti akka hin dhiisne beekamaadha! Namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran hedduun, ergaan keenya lubbuu baraarsuu akka dandaʼu waan hin hubanneef nu hin simatan. Yeroo nuti isaan dubbisuu deemnu hojiidhaan qabanii jiru taʼa. (Mat. 24:37-39) Yookiin oduu sirrii hin taane waan dhagaʼaniif ilaalcha dogoggoraa qabu taʼa. (Mat. 11:18, 19) Akkasumas, nuti amantiiwwan ija gadhee godhatan kaanirraa adda akka hin taane yaadu taʼa. (2 Phe. 2:1, 2) Namni haasofsiisnu sun jalqabarratti fedhii hin qabu taanaan, dafnee abdii kutachuu hin qabnu.
Jiʼa Sanatti Akkas Gochuuf Yaali:
Namni maree dhaabsisu ennaa si mudatu, nama sana biraa erga deemtee booda, karaa kana caalaa gaarii taʼeen akkamitti isa haasofsiisuun akka isinirra ture nama wajjin tajaajilaa jirtu faana mariʼadhu.