Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Dheekkamaniif Deebii Kennuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Namoonni tajaajila irratti argannu hedduun namaaf kabaja qabu. Haa taʼu malee, Yesus namoonni tokko tokko akka nu jibban raajii dubbateera. (Yoh. 17:14) Kanaaf, namni dheekkamu yoo nu mudate nu dinqisiisuu hin qabu. Haalli akkasii yeroo nu mudatu, qaama isa bakka buune, jechuunis Yihowaa karaa gammachiisuun deebii kennuu barbaanna. (Rom. 12:17-21; 1 Phe. 3:16) Akkas gochuun keenya haalli uumame caalaatti akka hin hammaanne godha. Akkasumas, yeroo kan biraatti Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu isaan haasofsiisan dhaggeeffachuuf fedhii akka qabaatan gochuu waan dandaʼuuf, nama haasofsiisnuufis taʼe namoota nu argan kaaniif amala keenyaan dhugaa baʼuuf nu dandeessisa.—2 Qor. 6:3.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
Waaqeffannaa maatii keessan irratti yeroo shaakalaa ramadaa.
Nama dheekkame tokko biraa erga deemtanii booda, haala akkamiitiin utuu isa qabdanii caalaatti gaarii akka ture mariʼadhaa.