‘Nama Hundumaa Wajjin Nagaatti Jiraadhaa!’
1. Manaa gara manaa yeroo tajaajilutti namoonni aaran yoo nu mudatan gorsa Macaafa Qulqulluu isa kam hordofuu qabna?
1 Tajaajiltoonni Yihowaa nagaa kan jaallatan siʼa taʼu, tajaajilli keenyas waaʼee nagaa kan ibsudha. (Isa. 52:7) Al tokko tokko garuu, namoonni manasaanii dhaquu keenyatti aaran nu mudatu. Haataʼu malee haalawwan akkasii keessatti naga qabeeyyii taʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?—Rom. 12:18.
2. Hubannaa qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
2 Hubannaa Qabaachuu: Namoonni tokko tokko dhugaa waan mormaniif yommuu manasaanii deemnu kan aaran taʼus, warra kaan garuu kan aarse waan garabiraa taʼuu dandaʼa. Tarii gara manasaanii kan deemne yeroo isaaniif mijaaʼaa hin taanetti taʼuunsaa isaan aarsuu dandaʼa. Kana malees kan isaan aarse rakkoo dhuunfaati taʼa. Kan isaan aarse misraachoo nuti lallabnu yoo taʼellee, aariidhaan kan nuuf deebisan waan gowwoomfamaniif taʼuu akka dandaʼu yaadachuu qabna. (2 Qor. 4:4) Hubannaa qabaachuun keenya, tasgabbii akka qabaannuufi kan isaan aaran jibba nuuf qabaniin akka hin taane beekuuf nu gargaara.—Fak. 19:11.
3. Nama haasofsiisnu tokko akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Akka Isaan Kabajjan Argisiisaa: Namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran hedduun amantii cimsanii hordofan qabu. (2 Qor. 10:4) Kanaaf dhaggeeffachuufis taʼe dhiisuuf mirga qabu. Amantii nama haasofsiisnu sanaa tuffachuu ykn akka nama isaan caalaa beekuutti isaan haasofsiisuu hin qabnu. Akka deemnu yoo nu gaafatanis yeruma sana kabajaan achii deemuu qabna.
4. Karaa namatti toluun dubbachuu jechuun maal jechuudha?
4 Karaa Namatti Toluun Dubbadhaa: Namoonni yoo nu arrabsanillee, deebiin keenya laafaafi gurratti kan tolu taʼuu qaba. (Qol. 4:6; 1 Phe. 2:23) Falmiitti seenuu mannaa, dhimma irratti walii gallurratti mariʼachuuf carraaquu qabna. Tarii sababii namni haasofsiisnu sun itti mormii kaase gaarummaadhaan isa gaafachuu dandeenya taʼa. Haataʼu malee, al tokko tokko caalaatti jibbisaa akka dabalu gochuu mannaa maree keenya dhaabuun filatamaa taʼuu dandaʼa.—Fak. 9:7; 17:14.
5. Tajaajila keenyarratti naga qabeeyyii taʼuun buʼaa akkamii argamsiisa?
5 Naga qabeeyyii yoo taane, namni haasofsiisne sun amala nuti yeroo sana argisiisne akka gaariitti kan yaadatu taʼuusaarrayyuu, yeroo ittaanu Dhugaa Baatuun kan biraa yeroo isaaf lallabutti dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu dandaʼa. (Rom. 12:20, 21) Cimsee kan mormu yoo fakkaatellee, gaaf tokko obboleessa keenya taʼuu dandaʼa. (Gal. 1:13, 14) Dhugaa fudhachuuf fedhii argisiisus argisiisuu baatus, nuyi Yihowaaf ulfina argamsiisna; amala of qabuu argisiisuufi naga qabeeyyii taʼuu keenya yoo itti fufne, barumsi Yihowaa namootatti tolee akka mulʼatu goona.—2 Qor. 6:3.