Ija Jabeeyyii Ta’aniyyuu Nagaa Barbaadu
1 Namoonni lallabnuuf baay’een, Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal faalleessu ta’uyyuu, wanta itti amanan garaa guutuudhaan dubbatu. Ija jabinaan lallabuu kan qabnu ta’uyyuu, “nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf” hawwina; akkasumas karaa sirrii hin taaneen isaan aarsuurraa of qusanna. (Rom. 12:18; HoE. 4:29) Yeroo ergaa Mootummichaa lallabnutti ija jabeeyyii taanuyyuu, nagaa kan barbaannu ta’uu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Yaada Irratti Walii Galtan Barbaadaa: Namni nagaa barbaadu tokko wanta falmii kaasu dubbachuurraa of qusata. Amantii cimaan namni haasofsiisnu qabu, wanta dubbannu salphaatti akka hin fudhanne isa gochuu danda’a. Wanta Macaafni Qulqulluun hin deggerre yoo dubbate, dhimma sana ilaalchisee wanta irratti walii gallu malaan dubbachuu dandeenya ta’a. Wanta irratti walii gallu ibsuudhaan, miirrisaanii akka hin miidhamne gochuufi garaasaanii tuquu dandeenya.
3 Namni tokko wanta sirrii hin taane yeroo dubbatu irra darbuun keenya, yaadasaa fudhachuu ykn dhugaa dhoksuu keenya kan argisiisudhaa? Matumaa. Tajaajiltoota Waaqayyoo hamma taanetti, hojiin keenya ilaalcha namootaa sirrii hin taane hunda sirreessuu utuu hin ta’in misiraachoo Mootummaasaa lallabuudha. (Mat. 24:14) Wanta sirrii hin taane yeroo dubbatan akka waan guddaatti ilaaluu mannaa, carraa ilaalchasaanii ittiin hubannu goonee ilaaluu dandeenya.—Fak. 16:23.
4 Isaan Kabajaa: Al tokko tokko yeroo itti barumsawwan sobaa saaxila baasuuf ija jabeeyyii ta’uun nu barbaachisu ni jiraata. Haata’u malee, namoota nagaa barbaannu waan taaneef isaan qaanessuu, akkasumas jechoota nama barumsa dogoggoraa sanatti amanus ta’e barsiisu salphisan dubbachuurraa of qusanna. Olaantummaan kan nutti dhaga’amu yoo ta’e namoonni nurraa fagaatu; gad of qabuufi gaarummaadhaan isaan haasofsiisuun keenya garuu warri dhugaa jaallatan akka nu dhaggeeffatan godha. Namoota nu dhaggeeffataniif amantaasaanii kan kabajnuufi ulfina kan kenninuuf yoo ta’e, ergaa keenya fudhachuun salphaa isaaniif ta’a.
5 Phaawulos ergamaan amantaa namoota lallabaafii turee hubachuudhaan, karaa garaasaanii tuquu danda’uun isaaniif lallabuu barbaada ture. (HoE. 17:22-31) Fedhumasaatiin, “karaadhuma hundumaa namoota muraasa illee oolchuudhaaf, namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa ta’eera.” (1 Qor. 9:22) Nuyis yeroo misiraachoo lallabnutti ija jabeeyyii, garuu nagaa kan barbaannu ta’uudhaan akkumasaa gochuu dandeenya.